Islaamni sabaan of tuuluu, saba biraa tuffachuu, ofii gaditti isa ilaaluu, dhiibbaa irraan gahuufi kkf waan ummanni wallaalaan geggeessaa turan guutummaatti mormeera. Namni tokko saba biraa ta’eef dhugaan isaa dhokachuu hin qabu. Maqaan adda addaa itti baafamees tuffatamuun dhorgaadha. Dhiphinni sabaa jibbamaan Afaan Arabaatiin ‘Asabiyyaa’ jedhama. Hiikti isaa kan kuusaa jechoota Arabaa Tahziib Allughaa keessa jiru kan armaan gadiiti:
أن يدعو الرجلُ إلى نصرة عصبته، والتألب معهم على من يناوئهم، ظالمين كانوا أو مظلومين، وقد تعصبوا عليهم إذا تجمعوا
Asabiyyaa jechuun namni tokko firoottan isaa kan nama miidhan ykn miidhaman warra faallaa isaanii irratti gargaaruuf waamuufi isaaniin walitti qabamuudha. ‘Ta’assaba Alayhim’ jechuun walitti qabamuudha. (Tahziib Allughaa 2/30, 30 / 2 اللغة ت)
Guyyaa tokko sahaabaan wahii Ergamaa Rabbii (saw) kan armaan gadii gaafatee ture:
يا رسول االله أمن العصبية أن يحب الرجل قومه؟ قال: ((لا، ولكن من العصبية أن ينصر الرجلُ قومَه على الظلم))
Yaa Ergamaa Rabbii (saw)! Sila saba ofii jaalachuun ‘Asabiyyaa (dhiphina) keessatti ramadamaa?’ jedhe. Ergamaan Rabbiis (saw) “lakki! Asabiyyaa jechuun namicha saba isaa miidhaa irratti gargaaruudha” jedhan. (Imaamu Ahmadiifi Ibn Maajaah keessa jira.)
‘Asabiyyaa’n inni jibbamaan saba ofii miidhaa raawwataaru deeggaruufi isaan biratti walitti qabamuudha. Deeggarsi kun saba biraa miidhuu waan ta’eef Rabbi biratti baay’ee jibbamaadha. Yoo nama miidhameef tumsuu ta’e immoo jaalatamaadha. Kanaafuu saba ofii jaalachuun isa keessa hin seenuu Ergamaan Rabbii (saw) dubbatan. Akkasuma saba biraa tuffachuun ykn dhugaa isaan bira jiru diduun waan Rabbiin dallansiisuudha.
Gochi kun immoo biyya keenya keessatti babal’atee argama. Sabaafi sablamoonni biyya keenyaa baay’een maqaa adda addaa walitti moggaasanii wal tuffatanii, wal jibbanii, namaa gaditti wal ilaalaa jiraataa turan.
Oromoon, walaayittaan, Dawroofi Yamiin maqaan tuffii itti moggaafamee ittiin waamamaa turan. Oromoo keessa yeroo seentus balbala baay’eetu maqaan adda addaa itti moggaafamee tuffatamaa ture. Gosaan of tuuluun isiin akka kanaa xirooftuu ajooftuudha.
Kanaafuu ilaalcha amantii Islaamaa keessatti namni saba fedhe ta’us Rabbi biratti wal qixa. Madaalli ittiin Rabbiin biratti wal caalan sodaa Rabbii, amala gaarii, hojii gaarii, beekumasa bu’a qabeessaafi kkf dha. Kanaafuu Qur'aanni “isin keessaa namni kabajamaan isa akkaan Rabbii isaa sodaatuudha” jechuu nutti hime. Ergamaan Rabbiis (saw) kan armaan gadii jedhaniiru:
يا أيُّها الناسُ إنَّ ربَّكمْ واحِدٌ ألا لا فضلَ لِعربِيٍّ على عجَمِيٍّ ولا لِعجَمِيٍّ على عربيٍّ ولا لأحمرَ على أسْودَ ولا لأسودَ على أحمرَ
"Yaa namootaa! Dhaga’aa Rabbiin keessan tokkicha; abbaan keessanis tokkicha. Dhaga’aa! Yoo sodaa Rabbiitiin ta’e malee Arabani kan biraa hin caalu; sabni biraas Araba hin caalu. Akkasuma sodaa Rabbiitiin malee warri adiin gurraacha hin caalan; warri gurraachis adii hin caalan." (Ahmadtu gabaase. 474 / 38 مخرجا أحمد مسن)
Ergaan hadiisicha kanaa Hadiisa isa “isin hunduu ilmaan Aadami; Aadam immoo biyyee irraayi” jedhuun wal gala. (Abuu Daawudiifi Tirmiziitu gabaasan.)
Ummata kana hundaawuu Rabbitu akka fedhetti uume. Hundi keenyayyuu abbaafi haati keenya jalqabaa Aadamiifi Hawwaadha. Rabbiin ilmaan isaanii sabaafi sablammii baay’eetti qoode. Isatu filatee saba fedhe keessatti nu uume. Namni saba ofii filatee keessatti dhalate hin jiru. Nu keessaa namni Oromummaa filatee uumame hin jiru. Warra saba biraas akkasuma Rabbitu filateefii uume. Rabbiin immoo saba tokkollee isa kaan irra hin caalchifne. Namni tokko saba Rabbiin isaaf filate, kan ofiif hin filatiniin xinneeffamuu hin qabu. Kanaan garaa garummaa uumuun gaarii miti. Sababa xixiqqoo dhiheessanii saba biraa tuffachuunis waan Rabbiin dallansiisuudha.
عن انس بن مالك قال: قال رسول الله صلى االه عليه وسلم: الناسُ كأسنانِ المُشطِ
Anas bin Maalik irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Namni hunduu wal qixa akka ilkaan filaa (faaqqeeti).” (Musnada Ashihaab keessa jira.)
Kanaafuu sahaabonni Ergamaa Rabbii (saw) gabroota gurraacha bitamanii gara isaanii dhaqaniin sayyidii jedhaa turan. Umar bin Alkhaxxaab waa’ee Bilaal keessatti kan armaan gadii jedha ture:
عن عمر بن الخطاب رضي الله عنه أنه قال: أبو بكر سيدنا، وأعتق سيدنا، ـ يعني بلالاً
Umar yeroo hunda ni jedha ture: “Abuu Bakriin sayyidii (caalaa) keenya. Sayyidii keenya Bilaaliin bilisa baase.” (Bukhaariitu gabaase.)
Sahaabonni gocha kana Ergamaa Rabbii (saw) irraa baratan. Ergamaan Rabbii (saw) gabroota Makkaafi shariifa isii, dureessaafi hiyyeessa isii, Arabootaafi gabroota isaan bilisa baasan kan Habashaa, Faarisiifi kanneen biroo wal qixxeessaniiru. Salmaaniin isa gurguramee bitamee gara isaanii dhufeen maatii keenya jechuun Ergamaa Rabbii (saw) gabaafameera:
سلمان منا آل البيت
"Salmaan nurraayi; maatii keenya." (Ibn Sa’ad, Xabraaniifi Alhaakim faatu gabaasan.) Muslimoota irraas kan eegamu kana qofa. Ergamaa Rabbiitti (saw) hidhachuun, fakkeenya isaan godhachuufi karaa isaanii irra deemuun dirqama hunda keenyaati.
Biftiifi afaan garaa gara ta’uunis fedhii Rabbiitiini. Akkasuma mallattoo dandeettii Rabbii agarsiisuudha. Kana hundaanuu wal tuffachuu Rabbiin jabeessee seerate. Namni kanaan nama biraa tuffate hunduu, abbaa fedhe yoo ta’es gocha wallaalaa (jaahiliyyaa) hojjateera. Hojiin isaas xirooftuudha. Rabbiin ni jedhe:
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا لَا يَسْخَرْ قَوْمٌ مِّن قَوْمٍ عَسَىٰ أَن يَكُونُوا خَيْرًا مِّنْهُمْ وَلَا نِسَاءٌ مِّن نِّسَاءٍ عَسَىٰ أَن يَكُنَّ خَيْرًا مِّنْهُنَّ ۖ وَلَا تَلْمِزُوا أَنفُسَكُمْ وَلَا تَنَابَزُوا بِالْأَلْقَابِ ۖ بِئْسَ الِاسْمُ الْفُسُوقُ بَعْدَ الْإِيمَانِ ۚ وَمَن لَّمْ يَتُبْ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الظَّالِمُونَ
"Yaa warra amantan! Ummanni tokko ummata biraa hin tuffatin. Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Dubartoonnis dubartoota biraa (hin tuffatin). Isaan irra caaluun isaanii (tuffatamtootaa) ni mala. Tokkoon keessan isa biraa maqaa hin xureessin; maqaa gaarii hin taaneenis wal hin arrabsinaa. Erga amanuutii maqaan faasiquummaa (fincilaa) akkam fokkataadha! Namoonni hin tawbatin, isaanumatu miidhaa raawwattoota." [Alhujuraat: 11]
عن جَابِرِ بنِ عبدِ اللهِ رضِي الله عنهما قالَ: كُنَّا فِي غَزَاةٍ، فَكَسَعَ رَجُلٌ مِنَ المُهَاجِرِينَ رَجُلًا مِنَ الأَنْصَارِ، فقالَ الأنْصَارِيُّ: يَا لَلْأَنْصَارِ ! وقالَ المُهَاجِرِيُّ: يا لَلْمُهَاجِرِينَ ! فسَمِعَ ذَلِكَ رسُولُ الله صلّى الله عليه وسلّم، فقَالَ: (( مَا بَالُ دَعْوَى الجَاهِلِيَّةِ ؟!)). قالُوا: يا رَسُولَ اللهِ، كَسَعَ رَجُلٌ منَ المُهَاجِرِينَ رَجُلًا مِنَ الأَنْصَارِ، فقَالَ: (( دَعُوهَا فَإِنَّهَا مُنْتِنَةٌ ))
Jaabir bin Abdullaa (RA) ni jedhe: Nabiyyii (saw) wajjin lola wahii keessa turre. Namni warra muhaajiraa (godaantotaa) irraa ta’e nama Ansaara (warra Madiinaa) irraa ta’e wahii rukute. Inni Madiinaa sun “Yaa Ansaarotaa naaf dirmadhaa!” jedhe. Inni muhaajiraas “yaa muhaajirootaa naa birmadhaa” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) “waamichi wallaalaa kun maali?” jedhan. Namoonnis “yaa Ergamaa Rabbii! Nama muhaajira irraa ta’etu nama Ansaara wahii rukute” jedhan. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “isii dhiisaa; isiin xirooftuudha (ajooftuudha)” jedhan. (Bukhaariifi Muslimtu gabaasan)
وعن أبي مالك الأشعري أن رسول الله ﷺ قال: أربع في أمتي من أمر الجاهلية لا يتركونهن: الفخر بالأحساب، والطعن في الأنساب، والاستسقاء بالنجوم، والنياحة
Abuu Maalik Al-Ash’arii irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Nabiyyichi (saw) ni jedhan: “waa afur ummata kiyya keessatti gocha wallaalaati. Garuu isii hin dhiisan: sadarkaa abbootiitiin walitti dhaaddachuu, sabaan wal arrabsuu, urjii irra rooba barbaaduufi reefka irratti iyyuudha.” (Muslimtu gabaase.)
عن عبيد الله بن أبي يزيد أنه سمع ابن عباس قال: ثلاث خلال من خلال الجاهلية : الطعن في الأنساب والنياحة
Ibn Abbaas irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: “sabaan wal arrabsuufi reefka irratti iyyuun amala wallaaltotaati.” Kun Bukhaarii keessa jira. Muslim keessatti immoo Ergamaa Rabbii (saw) irraas gabaafamee jira.
عن أبي هريرة رضي الله عنه قال : قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: " اثنتان في الناس هما بهم كفر: الطعن في النسب، والنياحة على الميت
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “waa lama namoota keessa jiran isaaniif kufriidha. Sabaan wal arrabsuufi reefka irratti iyyuu.” (Muslimtu gabaase.)
عن جندب بن عبد الله البجلي قال: قال رسول الله : (من قتل تحت راية عمية يدعو إلى عصبية أو يغضب لعصبية فقتلته جاهلية) أخرجه مسلم في صحيحه
Jundub bin Abdillaah Albajalii irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “namni alaabaa dhiphinaa jalatti lolee ajjeefame, sabaan of tuuluutti waame, ykn saba ofii miidhaa irratti gargaaruuf lolee ajjeefame duuti isaa du’a jaahilaati.” (Muslimtu gabaase.)
عَنْ عُقْبَةَ بْنِ عَامِرٍ ، أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ : " إِنَّ أَنْسَابَكُمْ هَذِهِ لَيْسَتْ بِسِبَابٍ عَلَى أَحَدٍ ، وَإِنَّمَا أَنْتُمْ وَلَدُ آدَمَ ، طَفُّ الصَّاعِ لَمْ تَمْلَئُوهُ ، لَيْسَ لِأَحَدٍ عَلَى أَحَدٍ فَضْلٌ إِلَّا بِالدِّينِ أَوْ عَمَلٍ صَالِحٍ
Uqbaa bin Aamir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “sabni keessan adda ta’uun kun nama tokko ittiin arrabsuufii miti. Isin hunduu ilmaan Aadami. Hundi keessanuu walitti dhihoodha. Namni tokkollee kan biraa amantii sirriifi hojii gaariidhaan malee hin caalu.” (Ahmadtu gabaase.)
Hadiisa baay’eetu akka namoonni hunduu ilmaan Aadam ta’an, Aadam immoo biyyee irraa ta’e ibsa. Kana jechuun bu’urri ilma namaa hunduu wal qixaadha. Isa kanaaf sabaan wal tuffachuun hin eeyyamamu. Garuu saba ofii ibsachuufi ittiin boonuun rakkoo homaa hin qabu. Kan dhorgamu saba biraa tuffachuu, of tuuluu, dhugaa isaan bira jiru fudhachuu diduufi kkf dha. Isa kana ilaalchisee Hadiisa armaan gadii ilaali:
عن عباد بن كثير الشامي، عن امرأة منهم يقال لها فسيلة، قالت: سمعت أبي يقول، سألت النبي صلى الله عليه وسلم، فقلت: يا رسول الله أمن العصبية أن يحب الرجل قومه؟ قال: «لا، ولكن من العصبية أن يعين الرجل قومه على الظلم»
Ubaadaa bin Kasiir Ashaamiin ni jedhe: dubartiin saba isaanii irraa taate tokko Fuseylaa jedhamtu abbaa isiitii kan armaan gadii jedhuu dhageesse: “Yaa Ergamaa Rabbii! Namni tokko saba isaa jaalachuun dhiphina sabaa isa dhorgamaadhaa?” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “lakki! Dhiphinni sabaa inni dhorgamaan namichi saba isaa miidhaa irratti deeggaruudha.” (Ibn Maajaahtu gabaase.)
Akka walii galaatti sabboonummaa ilaalchisee kan eeyyamamu saba ofii baruu, sabaan wal deeggaruu, siyaasaafi dinagdeen wal guddisuu, wal qaroomsuu, aadaa ofii gaarii baballisuufi kkf dha. Sabboonummaan hin deeggaramne immoo of tuuluu, saba biraa tuffachuu, dhugaa isaan bira jiru fudhachuu diduu, saba ofii kan badii balleessaaru gargaaruu, aadaa dogoggoraa irratti wal deeggaruufi kkf dha.
3.7 Bilisummaafi Wal Qixxummaa Islaamni Labse
Bilisummaafi wal qixxummaan bu’uura Islaamaati. Namni kamuu Islaama keessatti ilaalchaan, sabaan, kkf’n osoo adda hin baafamin bilisummaafi wal qixxummaa qaba. Namni tokko yaada isatti dhufe hundaawuu sammuu isaatiin xinxalee yoo itti amane fudhata; yoo isa dide ni dhiisa. Namni kamuu isa dirqisiisuu hin danda’u. Kanaafuu Rabbiin ergamaa isaatiin ati isaan irratti hin moosifamne jedhe:
فَذَكِّرْ إِنَّمَا أَنْتَ مُذَكِّرٌ ٢١ لَسْتَ عَلَيْهِمْ بِمُصَيْطِرٍ ٢٢ إِلَّا مَنْ تَوَلَّىٰ وَكَفَرَ ٢٣ فَيُعَذِّبُهُ اللَّهُ الْعَذَابَ الْأَكْبَرَ ٢٤
"Yaadachiisi; ati yaadachiisaa qofa. Isaan irratti dirqisiisaa hin taane. Garuu nama gara galee kafare, Rabbiin adabbii guddaa isa adaba." [Alghaashiyaa: 21 - 24]
Yaada namni itti hin amanin nama fudhachiisuun gonkumaa Islaama keessa hin jiru. Dirqamni Muslima irra jiru ergaa Islaamaa namootaan ga’uudha. Namni tokko ergaa Islaamaa dhaggeeffatee yoo fudhachuu dide nuti isa dirqisiisuu hin dandeenyu. Isa inni dhugaa dide Rabbitu isa gaafata malee nuu miti. Kanaafuu “nama gara galee kafare, Rabbiin adabbii guddaa isa adaba” jedhe.
Yoo namni Muslima hin taane kan biyya Muslimaatiin ala jiraatu biyya Muslimaa daawwatee maalummaa isaa hubachuuf eeyyama gaafate nageenya isaa eegsisanii biyya Muslimaa daawwachiisanii akka inni Qur'aana dhaga’u gochuu Rabbiin Muslimoota ajaje. Erga Qur'aana dhaggeeffatee booda Amantii Islaamaa fudhachuufi dhiisuun filannoo abbichaati. Yoo inni qeebaluu dide biyya nageenyi isaa itti eegamuun gahuus Rabbiin dabalee ajajeera.
وَإِنْ أَحَدٌۭ مِّنَ ٱلْمُشْرِكِينَ ٱسْتَجَارَكَ فَأَجِرْهُ حَتَّىٰ يَسْمَعَ كَلَٰمَ ٱللَّهِ ثُمَّ أَبْلِغْهُ مَأْمَنَهُۥ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌۭ لَّا يَعْلَمُونَ
"Yoo namni mushrikoota irraa ta’e tokko nagaya gochuu sirra barbaade, hanga inni haasaa Rabbii dhagahutti eegumsa isaaf godhi. Sana booda iddoo eegumsa isaatiin isa ga’i. Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi." [Attawbaa: 6]
Mushrika kan jedhamu nama Rabbii wajjin uumama gabbaru ykn waaqeffatu jechuudha. Akka seera Islaamaatti namni kun Islaamaan ala ta’uun beekamaadha. Rabbitti waa qindeessanii gabbaruun yakka hundarra ulfataadha. Garuu namni akkasiis biyya Muslimaa daawwachuufi amantii isaanii barachuuf mirga qaba. Yoo inni fudhachuu dide immoo dirqiin fudhachiisi hin jenne. Bakka inni itti eegumsa argatee nagaa ta’uun gahi jedhe. Silumatti kan nuti ajajamne dhugaafi dhara adda baasuudha; namoota dirqisiisuu miti. Rabbiin ni jedhe:
لَا إِكْرَاهَ فِي الدِّينِ ۖ قَدْ تَبَيَّنَ الرُّشْدُ مِنَ الْغَيِّ ۚ فَمَنْ يَكْفُرْ بِالطَّاغُوتِ وَيُؤْمِنْ بِاللَّهِ فَقَدِ اسْتَمْسَكَ بِالْعُرْوَةِ الْوُثْقَىٰ لَا انْفِصَامَ لَهَا ۗ وَاللَّهُ سَمِيعٌ عَلِيمٌ
"Amantii keessa dirqisiisuun hin jiru. Dhugumatti, qajeelumni jallina irraa ifa ta'eera. Namni xaaghuutatti kafaree, Rabbitti amane, dhugumatti haada jabaa hin cinne qabateera. Rabbiin dhagayaa, beekaadha." [Albaqaraa: 256]
Kana jechuun immoo addunyaa irratti Rabbiin namootaaf sammuu ittiin waa filatu kenneera; sammuu sanatti fayyadamee yoo dhugaa hubatee qabachuu dide Rabbiin biratti rakkoo guddaatu isa eeggata. Namni sammuu isaatti fayyadamee dhugaa kana qoratee fudhate immoo qananii dhuma hin qabnetu jannata keessatti isaaf qophaa’a. Nutu isa dirqisiisuu hin dandeenye malee Rabbiin biratti qormaata jalaa hin ba’u.
Gaaffiin bakka kanatti ka’uu danda’u “erga Islaamni namootaaf mirga akkasii kennee namoonni baay’een Islaamni nama ajjeesuu ajaja jechuun maaliif maqaa Islaamaa balleessu ree?” kan jedhuudha.
Deebiin kanaa kallattii lamaan ta’a. Tokkoffaan maalummaa ergaa Islaamaa wallaaluu yoo ta’u lammaffaan immoo jibbaa Islaamaaf qaban irraa kan ka’e maqaa isaa balleessanii akka namoonni Islaama hin fudhanne gochuuf yaaluudha. Jibbaa kana irraa ka’eeti miidiyaaleen addunyaa keessumaa kan warra dhihaa suuraa Islaamaa balleessuuf halkaniifi guyyaa hojjatu. Yeroo hunda akka Muslimoonni lubbuu namaa callisanii ajjeesan labsu. Islaamni “namni kaafira ajjeese jannata gala” jedha kijiba jedhu uumanii afarsu. Kijibni kun osoo miidiyaa irra deddeebi’u namootatti dhugaa fakkaachuu eegale. Sana booda namoonni ogga nama Muslimaa mallattoon Islaamaa irraa mullatu argan boombii nutti dhoosa jedhanii sodaachuu eegalan. Warri sila kijiba uumeyyuu sadarkaa deebi’ee ofii isaatii sodaatu irra ga’e. Yaada isaanii kana mirkaneessuuf immoo guutuu addunyaa irratti diraamaa gurguddaa baay’ee dalagan. Diraamaa isaan yeroo dhiheenyaa geggeessan keessaa ISIS fakkeenya guddaadha. Biyya keenya keessattis diraamaan akkasii baay’eetu geggeeffame. Akkaataa Islaamni mirga namoota kabaje hubachuudhaaf akaakuu namoota Muslima hin taane armaan gaditti haa ilaallu:
Akaakuu Namoota Muslima Hin Taanee
Yaada Islaamni mirga namaa kabajuu dubbannee dabarsine sirriitti ibsuudhaaf qabxii armaan gadii kana ilaaluun gaariidha. Akka Islaamaatti kaafiroonni (namoonni amantii Islaamaa didan) bakka afuritti qoodamu. Isaanis:
- Zimmiyyi (kan gibira gabbaree jiraatu),
- Mu’aahad (ummata bal’aa Muslimootaan walii galanii jraatan),
- Musta’aman (kan biyya alaatii biyya Muslimaa daawwatuu) fi
- Muhaarib (kan Muslimootaan lolu).
Qoodaa kana arfan gabaabsinee haa ilaallu.
Mu’aahad: isaan kun warra Islaama fudhachuu dhiisanii amantii isaanii irra turan; garuu lola dhiisanii “walii gallee nageenyaan biyyattii keessa jiraanna” jedhaniidha. Haalli yeroo ammaa biyya keenya keessatti argamus isa kana. Ummanni seera walii galaa baafatee seericha duratti hunduu wal qixa ta’ee wal qixxummaan jiraata. Haaluma kana fakkaatuun yeroo Ergamaan Rabbii (saw) Madiinatti mootummaa ijaaran ummanni Yahuudaa gosoonni sadii gurguddoon Madiina keessa turan. Hunduu amantii isaanii qabatanii biyya Madiinaa keessa wajjin jiraachuu walii galanii turan. Biyyattii irraa fayyadamuufi isii tiksuun dirqama hunda isaanii ture. Booda Yahuudonni akkuma aadaa isaanii waadaa diiganii diinaa wajjin Muslimootaan lollaan jidduu isaaniitti lolli baname malee nagaadhaan wajjin jiraataa turan. Kana jechuun nama amantiifi sabni isaa adda ta’ee waliin biyya ijaartee jiraachuun ni danda’amaadha.
Ummanni Yahuudaa sabni isaanii Israa’iilii yoo ta’u amantiin isaanii immoo faallaa Islaamaa ture; Nabiyyichi [saw] kanumaa wajjin isaaniin wal danda’anii jiraatan.
Warra akka kanaa tuquun yakka guddaadha. Hadiisa keessatti Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan:
وَعَنْ عَبْدِاللَّهِ بْنِ عمر رضي الله عنهما، عَنِ النَّبِيِّ ﷺ قَالَ: مَنْ قَتَلَ مُعَاهَدًا لَمْ يَرَحْ رَائِحَةَ الْجَنَّةِ، وَإِنَّ رِيحَهَا لَيُوجَد مِنْ مَسِيرَةِ أَرْبَعِينَ عَامًا. أَخْرَجَهُ الْبُخَارِيُّ
Abdullaah bin Amr irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Nabiyyiin (saw) ni jedhan: “namni warra waadaa isaan walii galee jiraataaru ajjeese foolii jannataa hin argatu. Fooliin isii immoo adeemsa waggaa afurtamaa irratti argama.” (Bukhaariitu gabaase. 4/99)
Hadiisa biraa keessatti Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan:
ألا مَن ظلمَ مُعاهدًا أو انتقصَهُ أو كلَّفَهُ فَوقَ طاقتِهِ أو أخذَ منهُ شَيئًا بغَيرِ طيبِ نفسٍ فأنا خصمُهُ يَومَ القيامةِ
Dhaga’aa namni warra walii galteen jiraatu miidhe, ykn haqa isaa hanqise, ykn waan inni hin dandeenye isa dirqisiise ykn fedhii isaatiin alatti waa irraa fudhate Guyyaa Qiyaamaa anatu isaan falma. (Abuu Daawudtu gabaase. 3/171) Albaaniin sahiiha godheera.
Muslima nama haala kanaan walii galteen jiraataaru namni dogoggoraan ajjeese gumaa kaffaluu Qur'aanni dirqama godheera. Gumachis gaala dhibba tokko akka ta’e Hadiisa baay’ee keessatti ibsameera. Rabbiin ni jedhe:
إِن كَانَ مِن قَوْمٍ بَيْنَكُمْ وَبَيْنَهُم مِّيثَاقٌ فَدِيَةٌ مُّسَلَّمَةٌ إِلَىٰ أَهْلِهِ وَتَحْرِيرُ رَقَبَةٍ مُّؤْمِنَةٍ ۖ
"Yoo inni [ajjeefame sun] ummata gidduu keessaniifi gidduu isaanii walii galteen jiru irraa ta’e, gumaa dhiigaa gara maatii isaa kennamuufi gabra mu’uminaa bilisoomsuutu [isa ajjeeserra jira]." [Annisaa’i: 92]
Zimmiyyii: kan jedhamu kaafira jalqaba diina Muslimootaa ta’ee ittiin lolee booda Muslimoonni lolanii injifannaan dhiifama gaafatee gibira kaffalee jiraatuudha. Islaama keessatti namni Muslimaa tajaajila biyya ofii irraa argatuuf zakaa waan jedhamu kafalee jiraata. Inni Islaama keessatti sirna amantii of danda’e waan ta’eef Muslima qofa ilaallata. Namni Muslima hin ta’in immoo tajaajila Muslimoonni argatan kana wal qixa argachuuf gibira kennee jiraata. Lamaan isaaniituu akkuma tajaajila irraa argatan dirqamni biyyattii tiksuu irra jira. Murtiin nama zimmiyyii kanuma Mu’aahad dubbannee dabarsineen tokkuma.
Musta’aman: jechuun warra biyya ofii irraa ka’anii osoo amantii Islaamaa hin fudhatin biyya Islaamaa daawwataniidha. Yeroo ammaa kana namni viizaa ykn Passport baafatee biyya adda addaa daawwata; biyya Muslimaas akkasuma daawwatee waan isa keessa jiru ilaaluu danda’a. Erga daawwatee ergaa Rabbii dhaga’ee booda yoo fudhachuu dides nageenyaan biyya isaatti deebisuun dirqama akka ta’e dubbannee dabarsine. Nama namtokkoon ‘nageenyan siif eegsisa’ jedhee ka’ee ganee ajjeese Ergamaan Rabbii (saw) ani diina isaati jedhaniiru:
عن عمرو بن الحمق قال: سمعت رسول الله صلى الله عليه وسلم يقول: من أمّن رجلاً على دمه فقتله فأنا بريء من القاتل وإن كان المقتول كافراً
Amr bin Alhamiq irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii (saw) jedhanuun dhaga’e: “namni nama wohii nagaa godhee amansiisee ergasii ajjeese, osoma inni ajjeefame kaafira ta’eewuu ani isa ajjeese irraa qulqulluudha (diina).” (Sahiiha Ibn Hibbaan 13/320, Al-Aasaar walmasanii kan Ibn Abii Aasim 4/316)
Gabaasa Ibn Maajaahfi kan biroo keessatti immoo “Guyyaa Qiyaamaa alaabaa gantuudha jedhutu isaaf dhaabama” jedhan. Ibsi Qur'aanaa armaan olitti dabarsines warra kana irraa haasa’a:
وَإِنْ أَحَدٌ مِّنَ الْمُشْرِكِينَ اسْتَجَارَكَ فَأَجِرْهُ حَتَّىٰ يَسْمَعَ كَلَامَ اللَّهِ ثُمَّ أَبْلِغْهُ مَأْمَنَهُ ۚ ذَٰلِكَ بِأَنَّهُمْ قَوْمٌ لَّا يَعْلَمُونَ
Yoo namni mushrikoota irraa ta’e tokko nagaya gochuu sirra barbaade, hanga inni haasaa Rabbii dhagahutti eegumsa isaaf godhi. Sana booda iddoo eegumsa isaatiin isa ga’i. Kun waan isaan ummata hin beekne ta’aniifi. [Attawbaa: 6]
Harbiyyii: Harbiyyi jechuun kan diina ta’ee Muslimootaan lolaaru jechuudha. Inni kun amantii Islaamaa balleessuuf, qabeenya Muslimootaa saamuuf, kabajaa isaanii xiqqeessuufi kkf irratti kan lola banuudha. Isa akka kanaatiin loluun dirqama ta’a. Wanti afaan guuttannee dubbannu tokko diina keetiin loltee bilisummaa kee goonfachuun Islaama keessatti dirqama malee fedhii miti. Garuu daangaa itti darbuu Islaamni nu seerata. Jihaanni kan ajajames isa kana irratti. Warri hiika jihaada lolaa hin hubatin akka kanatti hubachuutu irraa eegama. Warra kana ilaalchisee Rabbiin ni jedhe:
وَقَاتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ الَّذِينَ يُقَاتِلُونَكُمْ وَلَا تَعْتَدُوا ۚ إِنَّ اللَّهَ لَا يُحِبُّ الْمُعْتَدِينَ
Warra karaa Rabbii keessatti isiniin lolaniin lolaa. Daangaa immoo hin dabrinaa. Rabbiin warra daangaa dabran hin jaalatu. [Albaqaraa: 190]
Diina ofirraa deebisuun seera biyya kamii keessattuu barreeffamee jira. Kanaafuu biyyi hunduu raayyaa ittisaa mataa isaa qaba. Islaamni biyya Muslimaa tiksuudhaaf raayyaa ittisaa qopheessuuf lammii biyyattii, qabeenya isiifi amantii isii tiksuutti nu ajaje. Kun nama sammuu qabu hunda birattuu gaaffii hin ta’u. Namni dhuunfaan tokkoyyuu yoo itti roorrifame ofirraa faccisuu mirga qaba.
Waan kanaan ala jiru Islaamni wal qixxummaatti nu ajaja. Beektoleen Islaamaa warri Islaama seeraan hojiirra oolchanis kanuma raawwatanii darban. Umar bin Alkhaxxaab yeroo Amr bin Al-Aas Misra irratti muude keessa ilmi Amr tokko nama Gibxii rukunnaan Umar Amriifi ilma isaa waamee fuuldura biyyaatti akka gurbaan Gibxii sun rukutee baafatu godhee jecha isaa beekamtuu armaan gadii jedhe:
متى استعبدتم الناس وقد ولدتهم أمهاتهم أحرارا
“Yoom namoota gabroomfattan haawwonni isaanii walaba isaan da’anii osoo jiranii?” (Kitaaba Asr Alkhilaafat Arraashidaa 1/127 keessa jira.)
Manni murtii Muslimootaa khaliifaa Muslimootaa Muslima hunda bulchu irrattillee murteessaa ture. Yeroo Alii bin Abii Xaalib biyya bulchu keessa kobbortaan inni uffatu irraa buunaan Yahuudaan tokko fudhate. Aliin argee “kobbortaa kooti gaala kiyya irraa kufe” jedhee qabe. Yahuudichi immoo “kan kooti anarka jiras; kottu abbaa murtii Muslimaa bira dhaqnaa” jedhe. Erga abbaa murtii Shurayh jedhamu bira dhaqanii isa biratti wal falman. Abbaan murtichaa Aliidhaan “akka inni kobbortaa kee ta’e nan beeka” jechuu wajjin ragaa akka fidatu gaafate. Achiin nama Qambar jedhamuufi Hasan ilma isaa waammannaan ragaa bahaniif. Shurayhis kan Qambar fudhatee kan ilma keetii hin ta’u jedhee dide. Ragaa biraa waan dhabeef kobborticha Yahuudichaaf murteesse. Yahuudichis yeroma wal qixxummaa jidduu Khaliifaafi nama dhuunfaatti geggeeffamu kana argu Islaama fudhate. Kobbortichi keeti jedhee Aliif kenne. Aliinis deebisee isaaf kenne.
Seenaan kana fakkaatu bulchitoota Muslimaa biyya keenyaa keessaa kan Jamaaluddiin jedhamuun naannoo Hararitti geggeeffameera: abbaa haqaa ta’uu isaa waan akeeku kan nama ajaa’ibutu dhufe. Innis ilma isaa daa’ima irraa tokko daa’ima Habashaa wahii wajjin taphatee daa’ima isaanii tokko rukutee harka cabse. Yeroo hanga ta’eef waan kana isa dhoksan. Dubbiin kun booda isa dhaqqabe. Matootii ummata isaa walitti qabee waan kana isa dhoksuu isaanii irratti isaan komate. Ergasii akka mucaan isaa fidamee gumaan baafamu ajaje. Waan xiqqoo ta’eef gurmuutti baatamee dhufe. Matootiin hunduu ka’anii manguddummaa kadhatan. Isaan maatii mucaa sanaa akka fidan wabii ta’an. Manguddummaa isaanii hin qeeballe. Abbaa daa’ima sanaafi maatii isaa fidan. Haqa isaanii kana ni dhiisaniif. Akka inni ilma isaa kanaaf araaramu hanga danda’an kadhatan. Isaan didee mucaa isaa harka qabe. Harka isaa dhagaa irra diriirsee irree isaa sibiilaan rukute.(Akka seera Islaamaatti daa’ima irratti gumaa akkasii raawwachuun waan jiru natti hin fakkaatu; namni hubannoon wal dhabuun ni mala.)
Matootiin dhaabatanii boo’icha daa’imaatiif boo’aa turan. Inni immoo ‘hanga daa’ima kana laalessite laaladhu’ jedha ture. Osoo inni madichaan iyyuu akka dhukkubsachiiftuuf kaadimni gara haadhaa geesse. Barri isaa sodaatamaa ture. Erga yeroo sanaatii mootummaa isaa keessatti namni tokkollee nama biraa miidhuu irratti hin gootomne. Inni haala akka kanaa kan of tiksuu, ibaadaa qabaachuu, dhimma isaafi biyya isaa hunda to’achuu, kabajaan guutuu, warra badii dhabamsiisuufi badii balleessuu ilaalchisee baay’eedha.” (Assuluuk Lima’arifat Duwal Almuluuk 7/216)
Al-Ilmaam keessatti ni jedhe: “oduu kana nama amanamaa Jamaaluddiin wajjin taatee sanatti hirmaatee argetu natti hime. Sana booda namni tokkollee qabeenya namaa fudhachuutti hin uggine; hin dandeenyes. Xiqqoollee ta’u nama biraa hin miidhanu. Kabajaa isaa irraa kan ka’e yeroo inni waa tokko ajaje ykn dhorge amiironni isaa tokkollee ajaja isaarra hin taran.” (Al-Ilmaam Dimna Rasaa’il Almaqriizii fuula 243)
Silaa wal qixxummaan seera fuulduratti akka kana ture. Bara ammaa manni murtii dhaabates diraamaa paartii bulchaaruuf dalaga malee kan haqa hojjatu qubaan lakkaa’ama. Qabxiin ijoon nuti asitti fudhannee kaane waa lama. Inni jalqabaa Islaamni dirqamaan amantii fudhachiisuu nama hin ajaju; warri yaada akkasii baballisan jibbaa Islaamaaf qaban irraa kan ka’eedha malee ajaja Islaamaa ta’eetii miti. Lammaffaan immoo seera Islaamaa keessatti namni hunduu osoo eenyummaa isaa kamiinuu adda hin bahin murtii haqaa argachuu qaba kan jedhuudha.