Ethiopia
Operating Hours
Monday to Friday: 9 AM - 6 PM
Boqonnaa 3


3. Sabboonummaa

Namni tokko yeroo ani sabboonaadha ofiin jedhu maal jechuu isaati? Sabboonaa ta’uuf ulaagaan barbaachisu maali? Hiika sabboonaa dubbachuun dura saba jechuun maal akka ta’eefi haala kamiin akka eegalame haa ilaallu. 

Jalqaba kan uumame abbaa keenya Aadam qofa ture. Ergasii Hawwaan uumamte. Isaan lamaan irraa namoonni baay’een addunyaa kana irratti uumaman. Kana ilaalchisee Rabbiin ni jedhe: 

يَا أَيُّهَا النَّاسُ اتَّقُوا رَبَّكُمُ الَّذِي خَلَقَكُمْ مِنْ نَفْسٍ وَاحِدَةٍ وَخَلَقَ مِنْهَا زَوْجَهَا وَبَثَّ مِنْهُمَا رِجَالًا كَثِيرًا وَنِسَاءً ۚ وَاتَّقُوا اللَّهَ الَّذِي تَسَاءَلُونَ بِهِ وَالْأَرْحَامَ ۚ إِنَّ اللَّهَ كَانَ عَلَيْكُمْ رَقِيبًا

"Yaa namootaa! Gooftaa keessan Isa lubbuu tokkittii (Aadam) irraa isin uumee, isii irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase sodaadhaa. Rabbii ittiin wal kadhattaniifi firummaa [muruus] sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha." [An-nisaa’i 4:1] 

Yeroo sanatti wanti saba jedhamu hin turre. Booda erga namoonni baay’ataa dhufanii namoota kana adda baasuuf barbaachisaa ta’ee waan argameef eenyummaan baay’een uumamuu danda’e. Garuu namoonni yeroma sana irraa kaasanii firoomaan hariiroo uumaa deeman. Saboonni yeroo ammaa addunyaa irratti beekaman baay’een isaanii warra booda Nuuhii qoodamaniidha. Akkuma dubbannee dabarsine ilmaan Nuuh kan addunyaa kana irratti tamsa’an sadantu hortee gurguddaa ta’an. Yoo saba keenya fudhatte isaan keessaa Kuush ilma Haamitti seena. Oromoon immoo kan isaan irraa adda ba’e bara dheeraa booda. Kana jechuun qoodamiinsi sabaa amma jiru kun yeroo booda kan argameedha. Fkn bara namni Kuush jedhamu sun jiraataa turetti wanti saba Oromoo, Affaar ykn Sumaalee jedhamu hin turre. Osoo abbaa keenya sana saba Sumaalee ykn Oromoo jedhu gaafattee hin beeku ture. Afaan Oromoos ta’ee Affaar hin dubbatu ture. Garuu numa hundaafuu abbaadha. Isa booda ilmaan isaa baay’atanii wal qooduudhaan saba adda addaatti fottoqan. Kanaafuu nuti saba amma jiruun abbaa keenya sanaan adda taana.

Ogga kana jennu qoodamiinsi sabaa amma jiru barbaachisaa miti jechuu akka hin taane ifaadha. Qoodamiinsi sabaa amma jiru barbaachisaa ta’uu bira darbee dirqama; inumaayyuu uumama waan ta’eef eenyunuu dhabamsiisuu hin danda’u. Gara fuulduraattis qoodamiinsi sabaa kun itti fufuu ni danda’a. Ilmaan abbaa tokkoo saba adda addaa ta’anii fottoquun ni mala. Fkn Ibraahiim ilmaan Ismaa’iiliifi Is-haaq jedhamu qaba ture. Ilmaan Ismaa’iil hunduu Araba ta’an; kan Is-haaq immoo Israa’iilii ta’an. Aadaafi afaan isaaniis adda ta’e. Yeroo ammaa sabni hanga isaanii wal jibbu addunyaa irra hin jiru. Saboonni biroos akkasumatti uumaman. Oromoonis jalqaba nama tokkotu dhalatee Oromoo jedhamee moggaafame. Sana booda ilmaan argate; ilmaan isaatu saba Oromoo jedhamee waamame.

Akkasumas namni kamuu Guyyaa Qiyaamaa sabni isaa hin gaafatamu. Homaas isa hin fayyadu. Kan nama fayyadu hojii gaariifi amantii isaa qofa. Kanaafuu Rabbiin akkana jedhe: 

فَإِذَا نُفِخَ فِي الصُّورِ فَلَا أَنسَابَ بَيْنَهُمْ يَوْمَئِذٍ وَلَا يَتَسَاءَلُونَ ١٠١ فَمَن ثَقُلَتْ مَوَازِينُهُ فَأُولَٰئِكَ هُمُ الْمُفْلِحُونَ ١٠٢ وَمَنْ خَفَّتْ مَوَازِينُهُ فَأُولَٰئِكَ الَّذِينَ خَسِرُوا أَنفُسَهُمْ فِي جَهَنَّمَ خَالِدُونَ ١٠٣

"Yeroo xurumbaan afuufame (qiyaaman ga’e), guyyaa san firummaan (sabni) gidduu isaanii hin jiru; walis hin gaafatan. Namni madaalli [hojii gaarii] isaa ulfaatte, isaan sun warra milkaa’oodha. Namni madaalli isaa salphatte immoo, isaan sun warra lubbuu isaanii hoongessan. Jahannam keessatti hafoo ta’u." [Al-Mu’uminuun 23: 101-103]

Sabaan adda ba’anii beekamuun kun yeroo hanga murtaa’e qofaaf tura. Fakkeenyaaf saboonni Kuush qoqqoodamanii Oromoo, Sumaalee, Affaar fi kkf jedhamuun naannoo waggaa kuma sadii hin caalle. Guyyaa Qiyaamaa saba kanaan beekamuufi fayyadamuunis hin jiru. Har’a garuu addunyaa irratti ittiin beekamuufi fayyadamuun ni danda’ama. Aayatichi waan Guyyaa Qiyaamaa fayyadus dabalee nutti himeera. Namni hojii toltuun isaa madaala irratti ulfaate milkaa’aadha jedhe; yoo isiin salphatte immoo hoonga’uun isaa mamii hin qabu. Namni colleen guyyaa sanaaf qophaa’uu qaba. Kan inni ittiin qophaa’us iimaana jabeeffachuu, hojii tolfachuufi amala gaaromfachuudha.


3.1 Maalummaa Sabboonummaa

Jechi sabboonaa jedhu Ingiliffaan ‘nationalism’ Arabiffaan immoo ‘qawmiyyaa’ jedhama. Ingiliffaan “Free online Dictionary” irra hiikti jiru kan armaan gadii fakkaata: “fedhii ykn aadaa saba ofiitiif hojjachuu; jaalala biyyaatiif of wareeguudha. Saboonni walitti guuramuu irra yoo of danda’anii hojjatan bu’aa qaba yaada jedhuudha. Kaayyoo guutuu addunyaarra kan saba ofiitti xiyyeeffachuu, to’annoo alagaa jalaa saba ofii bilisa baasuuf kartoorfatanii socho’uudha” jedha. Qorannoon Arabiffaa tokko akkana jedhe: “qawmiyyaan (sabboonummaan) ilmaan ummata tokkoo akka hariiroon isaan walitti qabuufi ummata biroo irraa adda isaan baasu jiru amanuudha. Hariiroon isaanii kun kan dhiigaa (firoomaa), afaanii, aadaa, qaroominaa, seenaa, dinagdee ykn siyaasaa ta’uu danda’a.”

Barreeffama Jawaar Muhammad irratti guyyaa tokko kan armaan gadiin arge: “sabboonummaan yaadaafi miira ummata eenyummaa, aadaa, seenaafi rakkoo waliin qabu tokko waliin sochoosuun dantaa siyaas-diinagdeefi aadaa ofii ittiin galma ga'aniidha ( Ideology for mobilization of a collective).”

Hiikti sabboonummaa kuusaa jechoota adda addaa irra jiru walfakkeenya qabaatus hanga ta’e wal dhaba. Akka kiyyatti sabboonummaa jechuun bu’aa saba ofii eegsisuu, seenaa ummatichaa, aadaafi afaan isaa guddisuuf hojjachuu, maalummaa ofiitiin boonuu, eenyummaa ofiitti gammaduu, saba ofii kabajuufi bilisummaa sabichaatiif qabsaa’uudha jedheen yaada. Inni kun immoo nama qulqulluu sabichaa ta’e tokko keessatti uumamaan ni argama natti fakkaata. Sabboonummaan Oromoos kanaan adda hin ta’u. Namni tokko sabboonaa Oromooti kan jedhamu yoo bu’aa Oromoo eegsisuuf, aadaafi afaan isaa guddisuuf, seenaa isaa tiksuuf kan socho’u ta’ee Oromummaa isaatti kan gammadu, saba isaa kan kabaju, bilisummaa Oromoofi dachii isaatiif kan qabsaa’u ta’eedha. Sabboonummaan kun yeroo baay’ee onnee nama Oromoo qulqulluu ta’e irraa madda. Namni maatii isaa keessaa kallattii ta’een faalame yeroo baay’ee sabboonummaan isaa hir’uudha.

Kanaaf akka fakkeenyaatti Haylesillaasee fudhachuu dandeenya. Maqaan isaa Tafarii Mokonnin Wolde Mikaa'eel Gooddessaati. Gooddessaan Oromoo Shawaa beekamaadha. Haati isaa Yeshimmabeet Dajjaazmaach Alii Abbaajifaar beekamaa Oromoo Wolloo keessaa isa tokko. Inni gara abbaa isaatiinis ta’ee haadhaatiin Oromootti deebi'a. Firoomni inni Minilikiin qabu kallattii haadha akaakayyuu isaa Tinnaanee Warqee Sahle Sillaaseetiin. Kallattii kana qofaan hidda Solomoonawaa jedhee of waamutti kijibaan of hirksee ummata Oromoo hacuucee miidhaa ture.

Sabboonummaan kun sadarkaa adda addaatti qoodamuu danda’a. Jawaar Muhammad hiika isaa armaan oliitti aansee sabboonummaa haala armaan gadiitti qoodee dubbatee ture:

Haaluma kanaan sabboonummaan saba kamiituu sadarkaa sadi irratti biyya tokko fayyaduu danda'a. Kan duraa ummanni aadaan, afaaniin, eenyummaafi diinagdeedhaan cunqurfame roorroo san jalaa bahuuf itti fayyadamuu danda'a (resistance nationalism). Isa kanaan sabboonummaa hiree murteeffannaa (self determination) jechuu dandeenya. 

Kan lammaaffaa immoo sabni tokko erga bilisummaa goonfatee booda tokkummaa isaa eegsisuuf, misoomatti ummata kakaasuuf, diina ofirraa eeguufi kkf’f faayidaa guddaa kennuu danda’a. Kana jechuun sabboonummaan yaada siyaasaa kan qabsoo (resistance nationalism) qofa osoo hin taane siyaasa bulchiinsaa (governance politics) keessatti madda hamileefi miira ummataa sochoosu guddaa ta’ee fayyaduu danda’a. 

Kan sadaffaa immoo ummanni tokko yeroo biyyi isaa cunqursaa jalaa baatee walabummaa isii goonfatte dantaa siyaasaafi diinagdee isaa daangaa ofii bira cehee warra biraa biratti babal'ifachuu yoo barbaades sabboonummaatti fayyadamuu danda'a. Isa kanaan sabboonummaa babal’ifannaa (expansionist nationalism) jechuu dandeenya. Fakkeenyaaf biyyoonni Awurooppaa hedduun sabboonummaatti fayyadamanii erga of bilisoomsanii booda yeroo dantaa diinagdee isaanii gara Ameerikaa Kibbaa, Afrikaafi Eeshiyaatti babal'ifachuu barbaadan sabboonummaatti fayyadaman. Fakkeenyaaf loltuun biyyoota san koloneeffachuuf ergaman “dantaa biyya abbaa keetiitiifi ummata keetiitiif wareegami” jedhamee amansiifameeti ergamaa ture. Barsiisaas ta'ee bulchaan ergamus qaroomina biyya keetii addunyaa waliin gahi jedhameeti (civilizing mission). Numa birattuu loltuun Tigree sabboonummaan guutamee biyya isaa erga bilisoomsee booda, Oromiyaa dhufee kan du'aa tureefis dantaa saba kiyyaan eegsisa jedheeti.” (Barreeffama Jawaar Muhammad fuula FB isaa irratti maxxanse irraan fuudhe. Qubeefi jecha tokko tokko gulaaleera.)

Dubbii Jawaar kana irraa kan mullatu sabboonummaan sadarkaa sadii qaba kan jedhuudha. Inni jalqabaa sabboonummaa bilisa of baasuuf qabsaa’uu, lammaffaan immoo bilisummaa argame eeguufi biyya ofii qaroomsuu yoo ta’u sadaffaan immoo qaroomaafi aadaa biyya ofii sana naannoofi biyyootii biraattis baballisuudha. Sadarkaan sadanuu yoo sirnaan hogganamee ummata biraa irraan hacuuccaa hin gahin sabboonummaa faarfamaadha. Garuu inni sadaffaa kun fakkeenyi yeroo baay’ee dhihaatu miidhaa ummanni koloneeffattootaa biyya biraa irraan gahaa turaniidha. Inni kun dhiphina makatee rakkoo fide. Silaa yaanni (ideology) kamuu yoo sirnaafi seeraan hin hogganamin rakkoo guddaa uumuun isaa gaaffii hin qabu. Fkn Kaappitaalizmiin akka inni qabeenya namoota murtaa’an harka qofa galchee ummata 90% ol rakkisaaru biyya keenya keessattuu argaa jirra. Rakkoon sooshiyaalizmiin uumee tare biyya keenyaaf haaraa miti.

Sabboonummaan biyya keenyaas kanaan addaa miti. Yoo akeekkachiisa lamaan kitaabni “Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse” jedhu keessa jiraniin hogganame malee karaa baduun isaa hin oolu. Isaanis: inni jalqabaa haaloo qabaachuun haaloo baafachuuf akka hin yaalle akeekkachiisuu yoo ta’u, inni lammaffaa immoo “ol aantummaa koo durii maaliifin dhabe? Maaliifan kabaja dhabe?” jechuudhaan of tuuluun akka hin biqille cimsinee akeekkachiisna. Isaan lamaanuu sabboonummaa gara lolaatti nama oofan waan ta’aniif balleeffamuu qabu. Kitaabichi itti fufee barreessaa wahii wabeeffachuudhaan akka armaan gadiitti maalummaa sabboonummaa ibseera: 

Eenyummaa ofiitti boonuun isa kaan jibbuu, bilisummaa argachuun isa kaan irratti haaloo bahuu, ofiin of bulchuun isa kaan gabroomsuu, mirga dimokraasii argachuun isa kaaniin “naannoo kiyya gadi lakkisi” jedhanii dirqisiisuun itti fayyadama mirgaa hiika hin qabne ta’uu isaarrayyuu bu’aan isaas nageenya booressuu ta’a. Ilaalcha akkasii irratti duuluun itti gaafatama ummattoota hundaati. Ummanni keenya daangaa mirga isaa kan dhugaarra osoo hin darbin, mirgasaas dabarsee osoo hin kennin seenaasaa hundee cimaarratti ijaarratee jireenya isaa isa sirna nafxenyaatiin duraa sarbame deebisee akka gonfatu jabeessinee abdanna." (Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Warqinaafi Gammachuu Malkaa, fuula 8-9.)

Sabboonummaan nuti fuulduratti ilaalcha Islaamaatiin madaallee dubachuuf deemnus isuma kana ta’a. Waa’ee sabaan of tuuluus hanga ta’e madaala Islaamaa irratti maal fakkaata kan jedhu ni dubbanna.








Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *