Ethiopia
Operating Hours
Monday to Friday: 9 AM - 6 PM
2.2 Seenaa Oromoo

Seenaa gabaabaa hortee Kuush dubbannee dabarsine irraa akka ummanni Oromoo ummata Kuush kan biroo waliin kaaba Baha Afrikaa keessa waggaa 8,000 dura kaasee turan hubanneerra. Akkasumas ummanni kun naannoo Kaabaa irraa gara Kibbaafi kibba bahaatti Dh.K.D bara 5,000 irraa eegalee akka tamsa’es barreerra. Kiristoofar Ehereet akka ummanni Afaan Kuush dubbatan Dh.K.D bara 4,000 jalqaba irraa kaasanii naannoo qarqara galaana Diimaa gara Kaabaatii jalqabanii hanga Kibbaatti tamsa’anii turan ibseera. Akkasuma ummanni Oromoo bara 1500 ykn 2,000 dura ummata Seem Amaariffa, Argobbaafi Gaafaat dubbataniin duratti jiddu gala Itoophiyaa ammaa naannoo Shawaa baballatanii turuu dubbanneera. Booda erga ummata Seem kanaan achii buqqifamanii sochii babal’ifannaa Oromoo jaarraa 16ffaatiin deebi’anii bakka isaanii qabachuu danda’uus hubanneerra.1 Qabxiin kun murteessituu waan taateef naa qabadhu.

1 Eheret, Christofer. Cushitic Prehistory, P.86-89, 96. Garuu hundaawuu jecha kiyyaanin irraa dubbadhe.

Kitaaba “Kuudhama Seenaa, Leellisaa Aadaa Bantii, F.F” jedhamu keessa kan armaan gadiitu jira: “Oromoon akka Kuushummaa isaatti, Itoophiyaa dabalatee naannoo Kaaba baha Afrikaa kana waggaa 8,000 ol dura irraa kaasee jiraataa ture. Sabni Kuush jiddu-gala Itoophiyaa, Dh.K.D bara 3,500 hanga 1000 qubatanii jiraatan. Habashoonni gara baha Afrikaa kan dhufan bara 500 Dh.K.D hanga bara 100 Dh.K.B ta’uun ni beekama.”

Ummanni Oromoo yeroo ammaa ummata guddoo naannoo bal’aa biyya Itoophiyaa, kaaba Keeniyaa, Sumaaleefi Taanzaaniyaa keessa bal’inaan jiruudha. Biyya baha Afrikaa (gaafa Afrikaa) keessatti ummata hundarra bal’oodha. Itoophiyaa keessatti lakkoofsa bara 2015 geggeeffame irratti hundaa’ee dhibbentaa 34.49% madaalu. Baay’inni isaaniis 25,489,024 jedha. Garuu lakkoofsi kun kijiba ta’uun isaa shakkii homaa hin qabu. Akka barreeffama G.W.B Huntigford bara 1959 keessa jirutti baay’inni ummata Oromoo dhibbentaa 42 (42%) akka ta’e dubbata.2 Akka yaada Muhammad Hasanitti immoo ummanni Oromoo saboota Itoophiyaa keessaa baay’inaan walakkaatti tilmaamamu.3 Yaanni sirriin isa kan Muhammad Hasan kana ta’uu hin oolu. Sababni isaas lakkoofsi biyya keenya keessatti geggeeffamu kaayyoo siyaasaafi kan biroo irratti hundaa’a malee dhugaa ibsuun dhimma isaa waan hin taaneef amanuurra soba jechuutu namatti dhihaata. Afaan ummata Oromoo Afaan Oromoo ykn Oromiffa jedhama. Afaan Oromoo afaan Afrikaa keessaa Arabiffaafi Hawusaatti aanee bal’inaan sadaffaadha. Dachiin ummata kanaa kan Itoophiyaa keessatti argamu Oromiyaa jedhamee beekama. 

2 G.W.B Huntingford, The Galla of Ethiopia: The Kingdom of Kaffa and Janjero. London 1959
3 Mohammad Hasan: The Oromo of Ethiopia 1990:xi

Ummanni Oromoo ummata jalqaba gaanfa Afrikaa keessa qubateedha. Garuu amma yoonaatti tilmaamni sirriin kan yoom akka isaan naannoo kana qubatan ibsu hin jiru. Garuu waan baay’eetu akka isaan waggaa 7,000 ol bakka kana jiraatan akeeka.4 Akka yaada qorattoota Oromoo ammayyaa baay’eetti ummanni Kuush bu’urri isaa Afrikaadha; biyya kamiiyyuu hin dhufne.

4 Muhammad Haamiddiin, Islaamni Habashaa keessa babal’achuu

Seenessaan Misraa Dr. Muhammad Sabrii jedhamu haala kanaan ummaticha ibse: “gootummaa, onnee qabaachuufi lola keessatti dura bu’uun beekamu. Kanaafuu humni waraanaa filatamoon isaan irraa uumama. Isaan ummata baha Afrikaa jiran keessaa lolaaf miira cimaa qabu. Hortee Afrikaa keessaa fuula ifuufi bareedumaan beekamu.”5Arjummaafi tola namaaf yaaduutti sabni ummata kanaan madaalamu hin jiru.

5 Misra Afrkaa bahaa keessatti, fuula 129.

Dh.K.B Jaarraa kudha jahaffaa keessa pilaatoo Habashoonni duraan isaan irraa fudhatan deebisanii to’atan.6 Lakkoofsa baay’eedhaan isiitti duulan; humni kamuu isaan dhorguu hin dandeenye. Beellada isaaniitiin bakka hunda keessa faffaca’an. Yeroo bakka tokko qubatanii tasgabbaa’an bakka isarra gabbataafi marga qabutti deemu. Erga pilaatoo bahaa to’atanii booda gara walakkaa pilaatoo bakka Amaaraa dhaqanii taayitaafi dachii isaanii fudhatan. Wanti lola kanarratti isaan deeggare lola jidduu Muslimootaafi Kiristaanotaa turee lamaan isaaniiwuu dadhabsiiseedha. Oromoonni mormiin cimaan osoo isaan hin qunnamin biyyattii seenan. Booda suutaan jireenya tiksitootaa irraa gara bakka tokko qubatanii qonnaan buluutti jijjiiraman. Olii gadi socho’anii waa tiksuu ummata hortee isaanii Danaakil keessa jiraniif dhiisanii ogummaa qonnaa warra isaan dursee jiru irraa fudhatanii qubatan. Ergasii aadaa isaaniitiin saboota biroo hundaan walitti makatanii waliin soddooman. Afaan isaanii bal’ina fakkii hin qabne bal’atee lugaa maatii Haam baha Afrikaatti dubbatamu keessaa akkaan bal’aa, ogbarruufi walaloon guddaa ta’e. Garuu baay’een isaa hin barreeffamne.”7

6 Yeroo akkana jennu ummanni Oromoo jaarraa kudha jahaffaa dura naannocha guutummaan lakkisee ture jechuu miti; yaanni jechuutti jirru humna waraanaafi hacuuccaa Habashaatiin to’annoo dachii isaanii dhabanii turan sochii bilisummaa jaarraa 16ffaa tiin deebifatan jechuudha. Oromoon hangi ta’e faffaca’ee jiraachuun isaa hin oolu.
7 Islaamni Itiyoophiyaa Keessa Babal’achuu, Muhammad Haamiddiin Booranaa. Jijjiirama hanga ta’ee wajjinin irraa fuudhe.

Gaaffiin guddaan bakka kanatti ka’uu danda’u “Ummanni Oromoo hortee Kuush kan biroo waliin naannoo jiddu gala Itoophiyaa naannoo waggaa 7,000 irraa kaasee erga qubatanii jaarraa kudha jahaffaa fuuldura achuma turani moo achii buqqa’anii gara Madda Walaabuutti baqatanii turan?” kan jedhuudha. Gaaffiin kun yeroo ammaa dhimma cimaa ta’ee argama; seenaa qofa ta’uus dhiisee kaayyoon siyaasaa keessa seenee argama. Akka yaada barreessitoota Habashaatti ummanni Oromoo duraanuu alaa dhufe kan jedhu nu barsiisuu waan yaadaniif Oromoon jaarraa 16ffaa keessa alaa dhufee mootummaa Kiristaana Itoophiyaa weerare waan jedhu nu barsiisu. Akka ibsa isaaniitti Muslimoonnis alaa dhufanii biyya weeraran. Abbaan biyyaa isaan biratti saba Amaaraafi amantii Ortodoksii malee hin jiru. Yaanni isaanii kun guutummaan guutuutti dogoggora. Ummanni Oromoos Muslimoonnis biyya alaatii hin dhufne; lammiidhuma biyyattii kanaati. Inumaa kan biyya alaatii dhufe saba Seem ture. Keessummaatu alaa dhufee ka’ee abbaa biyyaatiin ati keessummaadha jedhe. 

Deebii kanaatiif ani qorannoo dheeraa asitti dhiheessuun kaayyoo kaaneef irraa nu baasa waan ta’eef yaada cuunfamaa qofan fida. Ummanni Kuush Oromoos dabalatee hanga bara 1270 Dh.K.B nageenyaan jiddu gala Itoophiyaa keessa jiraataa ture. Akka natti fakkaatutti wiirtuun gadaa Oromoo yeroo sanaa Dawwaaroo keessa ture. Dawwaaroon kaaba baha Shawaati. Sabni Oromoo bakka sanaas Laaloo akka ta’e himama. Hanga mootummaan Solomoonawaa ofiin jedhu ijaaramutti humni Kiristaanaa guddaan yeroo sanatti Oromoo irraan dhiibbaa ga’u hin jiru ture. Akkuma beekamu mootummaan Islaamaa Shawaa kan bara 896 – 1285 Dh.K.B jiddu gala Itoophiyaa to’attee turte. Jidduu isiitiifi mootummaa Aksum ta’ee sabootii biraa lolli beekamaan hin turre. Mootummaan Aksum mataan isaa saba Kuush kan birootiin wal loluufi diigamuu keessa waan tureef ummata kanaan homaa loluu hin danda’u ture. Ummata mootummaa Islaamaa Shawaa ijaaran keessatti Oromoon gahee guddaa qabaachuun shakkii homaa hin qabu.

Maqaan bakkaa Dokumentii Sheeroolii keessa jiru kan akka Wolalaa jedhu moggaasa Oromoo ta’uu hin oolu. Bara 1285 Dh.K.B mootummaan Shawaa dadhabee harka mootummaa Ifaatitti kufe. Yeroo kana keessa mootummaan Solomoonawaa Yikunnoo Amlaakiin ijaarame dhiibbaa saba Kuushiifi Muslimoota irraan ga’uu eegale. Mootummaan Ifaat dadhabee hanga mootummaa Kiristaanaatiif gibira gabbaru ga’e.8 Yeroo kana keessa Oromoo irra dhiibbaan guddaan ga’e. Mootummaan Ifaatis harki caalu Oromoo ta’uutu namatti mullata. Yeroo sanatti lolli guddaan saba Kuush irratti geggeeffamuun shakkii hin qabu. Sababni isaas imaammanni mootummaa Kiristaanaa saba Kuush kan akka Agawuutiin lolatti jira; Beejjaan kufaatii Aksumiif sababa ture. Oromoos diina godhachuun isaanii shakkii hin qabu. Yeroo sanatti wiirtuun gadaa Dawwaaroo keessa ture. Dawwaaroon kun akka jecha Dr. Abdallaatti “waan yeroo ammaa kana Harar dhihaatiifi Aruusii jedhamtuudha. Isiin kutaa Oromiyaa irraayi. Naannoo Baaleefi Diidaa of keessatti qabatti. Maqaan kun magaalaa tokko kan Arsii keessatti argamu jidduu Dheeraafi Itayyaa dhiha Adaamaatti argamu irratti hafee jira.”9

8 Yaanni barreessaan Oromoo gariin mootummaan Ifaat mootii Kiristaanaatiin walii galee Oromootti duule jedhu kijiba ifaadha. Yaanni kun seenaa mootummaa Ifaat wallaaluu yookiin dhiphina irraa kan maddeedha. Mootummaan Ifaat mataan isaa hanga dhumaatti osoo hin tasgabbaa’in sulxaana isaanii meeqatu ajjeefame. 
9 Qaroomina Islaamaa Habashaa Keessatti

Wiirtuun gadaa Oromoo sababa dhiibbaa siyaasaafi amantii isarra dhaqqabeen gara Kibbaatti jijjiirame. Akka tilmaama kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20 jedhuutti barri wiirtuun gadaa Oromoo Odaa Nabee irraa gara Roobaatti jijjiirame bara 1316 Dh.K.B ta’uutu mala. Dhiibbaan itti fufee bara mootii Zare Ya’aqoob dhiibbaan waan Oromootti ulfaateef naannoo bara 1449 Dh.K.B wiirtuu gadaa gara Madda Walaabuutti jijjiiran. Yeroo wiirtuun gadaa jijjiiramu kana ummanni hundi akka waliin hin godaanne beekamaadha. Fkn mootummaan Ifaat yeroo mootiin isaanii inni dhumaa Sa’adaddiin bara 1402 Dh.K.B wareegamu ilmaan isaa kurnan waggaa 12 booda wiirtuu Sulxaaneeti gara Harar Adaalitti jijjiiran.10 Wanti kanarraa hubannu Oromoon Ifaat keessa turan hundi isaanii waliin gara Adaal deeman jechuu miti; wiirtuu taayitaa Muslimootaatu achi deeme malee Oromoon hangi caalu Shawaa keessatti hafeera. Harar keessas Oromoo hangi ta’e jiraachuun shakkii hin qabu.

10 Duuti Sa’adaddiin bara kana ta’uu “Al-Ilmaam Dimna Rasaa’il Almaqriizii fuula 240” dubbate.)

Yeroo mootummaan Ifaat kufu dhiibbaan mootummaa Kiristaanaa ummata Oromoofi Kuush irratti qofa xiyyeeffachuu hin hafu. Garuu yeroo gabaabaa keessa Sabruddiin II’n sulxaaneetii Adaal ijaaree Kiristaanaan wal loluu eegale. Garuu mootummaan Adaalis yeroo Ahmad Badlaay gocha ganiinsa nama Hadiyyaa wahiitiin ajjeefamu ni dadhabe. Achiin Zare Yaaqoob humna guddaa argatee ummata hunda gibira gabbarsiise. Warra Ahmad Badlaay ganee ajjeesisellee Atseen gara boodaa keessa akka intala dubraa bareeda waliin gibira gabbaran godhe. Oromoon dhiibbaa kana baqa wiirtuu gadaa Madda walaabuu geessanii qabsoo haaraaf qophaa’an. Qabsoon Oromoo jaarraa 16ffaa beekamaan asirraa eegale. 

Ibsa armaan olii irraa Oromoon biyya Itoophiyaa ammaa naannoo baay’ee keessa turuu hubanna. Fakkeenyaaf akka Dr. Abdallaah Kadir dubbatetti mootummaan Islaamaa Baalee kan bara mootummaa Ifaat ture ummata Sidaamaafi Oromooti. Akka warri seenaa lola Imaamu Ahmad Ibraahiim Alghaazii dubbatan ibsanitti gareen loltoota isaa inni guddaan saba Oromoo ture. Oromoon Yajjuu akka Imaama wajjin lolaa turan Fat-hul Habashaa keessatti ibsameera. Akka jecha Dr. Muhammad Taaj yoo ta’eef Imaam Ahmad bin Ibraahiim Algaazii mataan isaa Oromoodha. Hoggantoonni lolaa Oromoo ta’an baay’een isaa waliin turuun seenaa isaa keessatti beekamaadha. Garuu baay’inniifi ol aantummaan siyaasaa Oromoon yeroo sana qabu kan jaarraa 16 booda argameen wal dhaba ture.

Kanaafuu gabaabinaan naannoo akka Dawwaaroo, Baalee, Shawaa bakka mootiin Amaaraa wiirtuu godhate bakka Fataagaar jedhamee beekamu naannoo Dukam ammaa, dhiha Shawaafi jiddu gala isii Oromoon jaarraa kudha ja’affaa dura turuun isaa beekamaadha. Akka yaada barreessitoota Oromoo gariitti immoo Oromoon bahaa hanga dhihaa, kaabaa hanga kibbaatti jiraataa ture. Akka yaada kiyyaatti inni kun sirrii natti hin fakkaatu. Naannoleen Oromoon baay’inaan qubatanii turan kanneen armaan olitti dubbannee dabarsineefi kan biroos jiraachuu ni danda’a. garuu bakki hundi kan Oromooti jechuun sirrii miti. Godaansa jaarraa kudha jahaffaa keessa bakki haaraan Oromoon bane jiraachuu ni danda’a.

Seenaan Oromoo kan jaarraa 16ffaa boodaa dokumentiin sirriitti barreeffamee taa’uu baatus sammuu nama Oromoo ta’ee baay’ee keessa ni jira. Ummanni Oromoo haaromsa sirna gadaa jaarraa kudha shanaffaa keessa taasiseen kakaa Oromoo jedhamu raawwachuudhaan lafa isaa bilisoomsuuf qabsoo eegale. Qabsoo eegale kanaan daangaa Oromiyaa amma jiru kana uumeera. Seenaan qabsochaa dheeraa waan ta’eef asitti ballisanii dubbachuun ni rakkisa. Kanaafuu kitaaboleen seenaa baay’een adda adda baasanii dubbatu; gariin isaanii kan Tuulamaa qofarratti barreeffaman. Kaan immoo kan Maccaa qofa ibsu. Gariin immoo kan Gujii, Booranaa ykn Oromoo Bareentuu biroo irratti barreeffaman. Kitaabni hunda walitti hammachuuf yaale sirnaan keessa seenee dubbachuu hin dandeenye. Akkasumas kaayyoo barreeffama seenaa irratti hundaa’ee ijjannoon beektoleen godaansa jaarra 16ffaa irraa qaban baay’ee wal dhabaa ta’uu argita. Kanaafuu amma sana dubbachuu dhiifnee gabaabinaan kaayyoo keenyatti tarkaanfanna.




Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *