Ethiopia
Operating Hours
Monday to Friday: 9 AM - 6 PM
2.3 Aadaafi Duudhaalee Oromoo

Oromoon bishaan gaafannaan aannan buusee namaaf kenna. Oromoon dhadhaa baqsee nyaatatti naqee siif dhiheessee “carraa keessanii akkuma ta’etti nyaadhaagaa” jedha. Sabni wahii immoo barbaree ittoo godhee siif dhiheesse “nyaadhu waan manatti oomishamee ni mi’aaha” jedha. Jechi kun lamaan waanin ofii kiyyaa argeefi dhaga’eedha. Yaanni kun naannoo Oromiyaa baay’eetti hojiirra oolee argama; garuu hundaa miti.

Aadaa jechuun waan ummanni bara dheeraa hojjachuudhaan ittiin wal bareefi aadeffateedha. Aadaan yeroo baay’ee dhalootaa dhalootatti darbaa deema. Dhaloonni haaraan abbootii irraa dhaalanii isaanis ilmaaniif dabarsu. Haala kanaan gochichi aadeffatama.

Sabni kamuu saba jadhamee kan waamamu yoo afaan, seenaa, aadaafi duudhaa akkasumaas falaasama mataa isaa qabaateedha. Afaan, seenaafi aadaan saba tokkoo calaqqisiiftuu eenyumaa saba saniiti. Akkuma saba kamiituu sabni Oromoo aadaa ittiin beekamu boonsaafi bareedaa qaba. Bal’ina lafaafi baay’ina ummata isaa irratti hundaa’ee sabni Oromoo aadaafi duudhaa bal’aa himamee hin dhumne, garba waraabamee hin hir’anne qaba.

Akkuma beekamu sabni kamuu aadaalee gaggaarii bu’aa buusaniifi aadaalee miidhaa geessisan of keessaa qaba. Aadaan saba kamiituu kana irraa qulqulluu hin ta’u. Isa kana mata duree aadaafi Islaama jedhu jalatti, yoo Rabbiin fedhe, adda baafnee dubbanna. Bakka kanatti garuu aadaalee gaariifi nama boonsan kan ummanni Oromoo jaarraa hedduu ittiin beekaman irraa kanneen muraasa gabaabinaan haasofna.

Ummanni Oromoo nyaata, dhugaatii, uffannaa, fuudhaafi heeruma (cidha), du’aafi awwaalcha, hawaasa waliin jireenya keessatti, tapha, ayyaana, lola, sirbaafi kkf hunda keessattuu aadaa of danda’e qaba. Aadaan isaa kun baay’een isaa waan nama boonsuudha. Aadaan Oromoo baay’een isaa sirna gadaatiin hogganama. Sirni gadaa sirna bulmaataa yoo ta’u, kan dimokraasii ammayyaa irra haalaan miidhagaadha. Waggaa saddeetitti abbaan gadaa jijjiirama. Gadaan sunis nama ga’umsa qabuufi biyya hogganuu danda’utu filatama. 

Aadaan Oromoo wal fakkeenyaafi garaa garummaa isaa irratti hundaa’ee bakka baay’eetti qoodama. Isaanis:

  • Arjummaafi gootummaa
  • Aadaa wal gargaarsaa (waliif birmannaa).
  • Aadaa nyaataa.
  • Aadaa uffataa.
  • Aadaa fuudhaa fi heerumaa.
  • Aadaa wallee fi weedduu (Sirbaa)
  • Aadaa meeshaa fi kkf

Isaan kana keessaa arjummaa, gootummaafi aadaa wal gargaarsa Oromoo irratti hanga ta’e dubbanna.

Yaada kana ilma Sheekh Bakrii Saphaloo irraan fuudhe. Aadaa Oromoo baay’ee kan ofii kiyyaa keessa jiraadhen barreesse. Aadaa wal gargaarsa Harargee garuu barreeffama ilma Sheykh Bakrii Saphaloo irraan fuudhe.


2.3.1 Arjummaafi Gootummaa Oromoo

Ummanni Oromoo nuti keessa jiraannee guddanne aadaan, duudhaan, safuufi kabajni inni qabu waan baay’ee nama boonsuudha. Ummata arjummaafi gootummaa keessatti daangaa tareedha. 

Jechoonni ani jalqaba matadurechaatti barreesse arjummaa ummata Oromoo sirriitti ibsa. Jechi kun Oromiyaa keessa bakkan dhaqe baay’eetti na mudateera. Namni tokko yoo karaa deemaa dheebotee mana namaatti goree bishaan gaafate bishaan qofa isaaf kennuun Oromoota biratti qaaniidha. Yeroo baay’ee aannaniifi nyaata isaaf dhiheessu. Naannoo aannan hin jirretti qaawwaa dhugi jedhanii buna dhaabanii nyaataa waliin dhiheessuuf. Akka himni lammaffaa ibsutti ummanni Oromoo yoo dhiiga isaa namaaf arjoomellee ittiin hin dhaaddatu. Inumaa ‘waan isiniin malu guutuu hin dandeenyee akkuma ta’etti nyaadhaa’ jedha. Namni saba biraa wahii qe’ee Oromoo dhaqnaan isa keessummeessanii nyaata qopheessanii dhadhaa baqsanii itti naqanii dhiheessaniifii ‘carraa keessaniigaa akkuma ta’etti nyaadhaa’ jedhaniin. Namichis dinqisiifatee ‘sila nyaanni kanaa olii maaltu namaaf dhiheeffama?’ jedhe. Aadaan saba garii biyya keenya keessa jiranii immoo barbaree bulbulanii nyaatatti naqanii sitti dhiheessanii ‘nyaadhu waan manni oomishee ni mi’aaha’ siin jedhu. Aadachis waanuma qaban namaaf gumaachuu nu agarsiisa. Isaafis hiika gaarii kennuun ni danda’ama. Garuu yeroo gocha ummata kana lamaanii waliin madaaltu ummata biyya tokko keessa waliin jiraatan hin fakkaatan. 

Ummanni Oromoo gootummaanis fakkii hin qabu. Kanaafuu meeshaa lolaa boodatti hafaa kan akka waraanaafi guraadeetiin meeshaa lolaa ammayyaa Habashoonni Awrooppaa irraa kadhatan dura dhaabataa turan. Sodaatanii bara kamuu callisanii harka hin kennine. Garuu gootumman Oromoo beekumsaan hogganama. Yoo lolli inni itti seenu bu’aa hin qabuu hubate hayyootaan mari’atee nageenya filachuun ni mala. Kun immoo beekumsa malee sodaa miti. Kun aadaa gootummaafi arjummaa ummatichaa ilaallatuudha.



Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *