Ethiopia
Operating Hours
Monday to Friday: 9 AM - 6 PM
2.3.2  Aadaa Wal Gargaarsaa

Godinoota Oromiyaa keessatti maqaan gosoota aadaa wal gargaarsaa garaa garummaa qabaatus, tooftaa fi adeemsi isaanii hangas mara kan addaan fagaatuu miti. Ummanni Oromoo aadaa wal gargaarsaa bal’aa qaba. Sabni Oromoo bu’ura wal gargaarsaa irratti hundaa’uun qabeenya, humnaa fi beekumsa walitti qindeeffachuun ittiin wal kaba. Yeroo gaddaa fi gammachuu, dhabaa fi qabeenyaa keessattis waliif dirmachuun tooftaa ittiin wal bira dhaabbatanii wal gargaaran qabu.

Oromoon saba hayyummaa fi beekumsaan akkasumas qabeenyaan badhaadheedha. Akkuma hawaasa tokko keessatti dureessi jiru hiyyeessis ni jiraata. Haa ta’u malee sabni Oromoo rakkatus hin kadhatu, qabeenya namaa hin saamu; hin hatu. Sababni isaas aadaa wal gargaarsaa gaarii qabeenya ittiin wal horachiisu waan qabuufi. Aadaan wal gargaarsaa kun bu’aa baay’ee qaba. Isaanis:

- Yerootti sirnaan akka fayyadaman nama taasiisa.
- Namoota muraasaan hojii bal’aa hojjachuu nama dandeessisa.
- Namoota humnaafi dandeetti hin qabneef deeggarsa taasisa.
- Diinagdeen dhuunfaafi kan garee salphaatti akka guddatu taasisa.
- Walitti dhufeenyaa fi jaalala hawaasummaa namoota jidduutti uumuu fi KKF qaba.

Aaadaan wal gargaarsaa Oromoo baayyee tahanillee isaan keessaa beekamoon kanneen armaan gadiiti:

Daboo (Guuza Ykn Jigii)

Daboon tooftaa namoonni baay’een walitti birmatanii, harka harkaan tooftaa hojii walirraa salphisuuf ittiin hojjataniidha. Namni tokko hojiin isaa humna isaatii ol ta’uu yeroo hubatu, mataa isaatiif daboo kadhata; ykn nama biraa kan walitti dhihaatutti himatee akka guuza kadhatuuf godha. Daboon yeroo kadhatamu abbaan kadhatu gosa hojii irratti bobbahan himuun dirqama. Sababni isaas namni kadhatame sun meeshaa hojii saniif barbaachisu qabatee akka dhufuuf haala mijjeessa.

Hojiin daboodhaan hojjatamu kun hojii qonnaa, midhaan muruu (haamuu), mana ijaaruu, callaa galchuu fi KKF ta’a. Guuzni kun namoota humna qaban wal kadhatan qofaaf osoo hin taane, maatii yatiima (abbaa hin qabne) fi manguddoota humna dhabeeyyiifis dabree dabree waan hojjatamuuf walitti dhufeenya ni cimsa. Yeroo daboo kanatti dubartoonni gandaa walitti dhufuudhaan hojii nyaataafi qaawwaa warri daboo nyaatan qopheessuu irratti haadha guuzaa gargaaru.

Daadoo (Hinfala)

Namoonni dabaree naqachuudhaan hojii walii irratti daadoodhaan wal gargaaru. Namoonni daadoo waliin hojjatan dabaree naqatanii guyyaa tokko nama tokkoof hojjatanii guyyaa itti aanutti nama isa kaaniif hojjatu. Haala kanaan miseensota hundaaf hojjatamee wal ga’a. Marsaa lammaffaaf ammas irra deebi’amee jalqabama. Akkuma daboo hojiin hojjatamu dursamee himama. Meeshaan hojichaaf barbaachisu fudhatamee dhaqama. Daadoo keessatti kan nama siif hojjatee kaffaluun dirqama; daboon garuu dirqamaa miti. Faraqee ykn marroo Hararitti argamu ilmi Sheekh Bakrii Saphaloo dubbateen hanga ta’e walitti dhihaata. Garuu daadoon hojii humnaa qofa irratti hundaa’a.

Faraqee (Marroo)

Aadaan wal gargaarsaa kun akkaataa walitti dhiheenya nama lamaafi lamaa oliin humnaan ykn qabeenyaan marrotti (tartiibaan) itti wal gargaaraniidha. Warra dhiiraas tahee warri dubartii marroo walitti seenuu danda’u. Warri dhiiraa humna isaaniitin walitti dhufuun ykn qotiyyoo walitti hidhachuun tartiibaan hojii isaanii irratti wal gargaaru.

Dubartoonni humna isaaniitiin ykn qabeenya akka aannanii walitti ida’achuun guyyaa guyyaan akka gurgurataniif marroo deeman. Humnaan yoo marroo walitti seenan dubartootni ollaa tokko jiraatan midhaan qabiyyee wal qixaa wal bira fidachuun mooyyee waliin tumu. Dura kan nama tokkoo eega fixanii booda kan nama kaaniitti dabru. 

Qabeenya irratti yoo marroo walitti seenan garuu dubartoonni ganda tokko keessa jiraatan kan loon ilmamu qaban aannan qabiyyee wal qixaa walitti dabalachuudhaan guyyaa tokko nama tokkoof kennuun akka gurguratu taasisu; guyyaa itti aanu immoo nama biraatiif kennuudhaan wal gargaaru.

Gumaata

Aadaa wal gargaarsaa keessaatti gumaanni baay’ee beekamaadha. Keessattuu nama fuudhe ykn heerume ykn dubartii deesseef kan kennamu yoo ta’u dabree dabree namoota jaatanii mana ijaaruutti jiraniif illee ni godhama. Gumaanni yeroo baayyee gamtaan kan godhamu yoo tahu yeroo tokko tokko garuu dhuunfaanis namaaf kennuu ni danda’ama. Gumaatni hiriyummaa, firummaa fi wal beekumsa birootiin waliif kadhatama.

Guyyoota muraasa dursee namni gumaata kadhatu nama beeku hundatti himachuu qaba. ‘Guyyaa akkanaa gumaata naaf kottu’ jedhee itti himata. Namni kadhatames guyyaa itti affeerame sanitti qophaa’ee, waan barbaachisu qabatee iddoo itti kadhatametti argama. Gumaatni dubraa fi dargageessaa galgala taha. (Aadaan kun bakkaa bakkatti wal dhaba.) Naannoo Jimmaatti yeroo duraanii Peestaa naqachuu waan jedhamutu jira. Adeemsi isaa cidhaan wal fakkaata. Garuu kaayyoon isaa abbaa Peestaa sanaatiif gumaata funaanuu qofa.

Kennaan shamarraniifi dardarri gumaataaf waliif kannan maallaqa. Gumaatni haawwanii garuu irra baay’ee guyyaa taha. Kennaan isaanii garuu maallaqa ykn kennaa biraa kan akka nyaataas tahuu mala. Kaayyoon isaas nama fuudhe ykn dubartii deesse dinagdeen guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.

Afooshaa

Aadaan kun haawasni akkaataa qubsuma isaanii irratti hundaa’uudhaan walitti ijaaramanii jireenya hawaasummaa keessatti tooftaa itti wal gargaaraniidha. Du’aa fi jiruu, gaddaa fi gammachuu, sadoo fi gadadoo keessatti wal bira dhaabbachuun aadaa itti wal gargaaranii fi wal bira dhaabbataanii ittiin wal jajjabeessaniidha.

Yeroo cidhaa, du’aa fi haajaa garagaraa ulfaataa keessatti namoonni miseensa afooshaa ta’an hunduu hirmaachuu dirqama qabu. Afooshaan kun aadaa wal gargaarsaa kan biroo irraa wanni adda isa godhu yoo jiraate, seera ittiin bulmaataa mataa isaanii qabaachuu caalaa yeroo gara yerootti bal’achaa, dagaagaa dhufuu isaati.

Miseensonni afooshaa heera bulmaataa ofii isaaniitii baafatanitti waan bulaniif, namni dambii cabse sirnaan adabama. Kanaaf seera ittiin bulmaata isaanii baay’ee kabaju. Haalli kun immoo ummatni seera namni biraa baasee ittiin bulaa jedhu irra kan ofiif baafatanitti sirnaan buluu akka jaalatan namatti mul’isa.

Quubii (Uqqubii)

Aadaa wal gargaarsaa keessaa tokko quubii yoo ta’u, namoota hojii wal fakkaataa hojjatan, qubsumaan naannoo tokko jiraatan, galii walitti dhihaataa argatan, yaadaa fi ilaalchaaniis walii galan, akkasuma wal amantaa qaban jidduutti maallaqa walitti buufachuun tartiibaan tooftaa itti walii kennaniidha.

Guyyaatti, torbaanitti ykn ji’atti namni tokko maallaqa hanga murteeffame kan kafalu yoo tahu miseensota keessaa nama beekaa fi amanamaa jedhanii yaadan tokko walitti qabaa godhanii filatu. Kana booda tartiibaan maallaqicha walitti qabee abbaa carraan baheef kennama. Quubiin qusannaa maallaqaa fooyyessuun diinagdee nama dhuunfaafi kan garee guddisuu keessatti ga’ee guddaa qaba.

Massaaggoo (Horsiisaa) fi Gabbisa

Massaaggoon adeemsa nama beeylada hin qabne ittiin horii itti horaniidha. Namni qabeenya hin qabne hoolaa, re’ee ykn goromsa xiqqoo kan abbaa qabeenyaa fuudhee tiksee guddisee ogga isiin dhalte ilmoon isii qixxee jara lamaanii taati. Yoo sa’a ta’e immoo aannan isiis waliin fayyadamu. Torbii tokko abbaa sa’aatu ilmata; torbii biraa immoo abbaa tiksetu ilmata. Haati garuu abbaa qabeenyaatiif deebiti; ilmoo isii qofa qooddatu. Haala kanaan hiyyeessi horii argata. Kun aadaa baay’ee gaariifi deeggaramuudha.

Gabbisa kan jedhamu immoo sangaa huqqataa gatiin isaa tilmaamamee nama hiyyeessatti kennama. Hiyyeessi sun isa gabbisee bu’aan gatii tilmaamamee olii qixxeetti isaaniif qoodama.

Gosti gargaarsaa kan biraas kan akka kaayaa, sangaa walitti qara’uu, nyaachisaafi kanneen biroos ni jiru. As irratti dubbatanii xumuruun hin danda’amu.

Liqii fi Ergisa

Aadaa wal gargaarsaa baay’ee beekamu yoo tahu sirni isaas namni qabeenya harkaa qabu tokko nama rakkateef laachuun namni sun yeroo muraasa keessatti dhimma itti bahee isaaf deebisa.

Liqiin qabeenya akka maallaqaa, midhaanii fi waan biraatis ta’uu ni danda’a. Ergisni garuu waan akka uffataa, meeshaa fi wantoota biroo kan yeroo muraasaaf itti dhimma bahanii deebisan irratti xiyyeffata. Lamaanuu faayidaa guddaa qabu; keessattuu walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuufi namoota harka qalleeyyii ta’an rakkoo irra akka hin buuneef baay’ee gargaara.

Liqii fi ergisni wal amantii namootaa irratti waan hundaa’aniif, namni waa liqeeffatu ykn ergifatu yeroo nan deebisa jedhee baallame sanitti deebisuu qaba. Yoo haalli hin mijjaawiniif garuu dursee abbaa irraa liqeeffate sanitti himuu qaba. Gama biraatiin ergisni meeshaa irratti waan xiyyeeffatuuf waan ergifatan san sirnaan eeganii deebisuun barbaachisaadha.

Hirtaa (Yakutoo)

Hirtaan ykn yakutoon aadaa namni dachii qonnaa hin qabne ykn xiqqoo qabu nama lafa qonnaa bal’aa qabu irraa fuudhee yeroo oomisha tokkoo ykn waggoota muraasaaf qotee oomisha argamu san wal qixatti abbaa dachii waliin addaan hirachuun wal gargaaraniidha.

Abbaan dachii erga lafa isaa hirtaa kennee booda oomishuma isaa eeggata malee quba hin qabu. Kan hirtaa fuudhetu lafa kunuunsuu fi akka isiin oomisha guddaa kannitu waan dandahamu hunda godhee oomisha irraa galcha. Hanga oomisha addaan fudhatanitti amanamtummaan waan lafa san irra jiru eeguu qaba.

Nyaachisaan ammoo tooftaa qotiyyoo nama qotiyyoo hin qabnetti kannanii nyaata isaa dhiheessaafi ittiin qotatuudha. Haalli kuniis wal gargaarsa hawaasummaa keessatti gahee guddaa qaba.

Aadaa Oromoo baay’ee miidhagaa keessaa kun isa muraasa. Aadaaleen biroo baay’eetu jiru. Wanti dagatamuu hin qabne aadaan saba kamiituu bu’a qabeessaafi kan miidhaa fidu of keessaa ni qaba. Garuu wal ni caala. Aadaan Oromoo isa miidhaa fidu irra kan bu’aa buusutu caala. Ummanni Oromoo bara seerri addunyaan baafataa ture wal qixxummaa hin beekne keessa warraaqsa Faransaayii waggaa dhibba hedduun dursitee seera Dimokraasii ammayyaa irra miidhagaa tolchee ittiin bulaa ture. Namni seera gadaa kan Maccaa ykn Tuulamaa ilaale yaada kana sirriitti hubata. Kanaafuu aadaan saba kanaa haalaan miidhagaadha jennee ittiin boonna. Garuu yeroo akkana jennu aadaa Oromoofi amantii waaqeffataa waliin makuu hin qabnu. Waaqqeffannaan amantii of danda’eedha. Waaqa itti amanuufi sirna mataa isaa qaba; amantichaafi gochaalee isaa fidanii aadaatti makanii wal burjaajessuun sirrii miti.

Jechi waaqa jedhu naannoo gariitti waaqayyoo jedhama. Amantiin waaqeffataa Gooftaa isaa maqaa kanaan waama. Hiikti isaa sirriin gooftaa gabbaramu jechuudha. Gooftaa samii jechuudha warri jedhanis ni jiru. Garuu jecha waaqeffannaa jedhuu wajjin yoo ilaallu Gooftaa waaqeffatamu (gabbaramu) hiika jedhutu irraa hubatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *