Ummanni hunduu biyya isaa jaalachuun dirqama ta’uu namni sammuu qabu kamuu ni amana. Sababni isaas kan inni itti dhalate, irratti guddate, irratti leenji’e, waan jireenya isaatiif barbaachisu hundaa argateefi tika isii jala jiraate biyyattiidha waan ta’eef. Akka jecha kanaatti garuu naannoo ofii qofa adda baasanii jaalachuu osoo hin taane biyyicha akka walii galaatti sabaafi sablammii, aadaa, amantiifi seenaa isiin qabduu waliin jaalachuudha. Bakka kanatti qabxiin guddaan maalummaa jaalala biyyaa hubachuudha. Jaalala biyyaa kan jedhamu qabeenya biyyattii qofa jaalachuu miti. Ummata biyyattii keessa jiraatan aadaafi amantii isaan qabanii wajjin jaalachuun dirqama ta’a.
Biyya keenya keessatti ummanni jaalala biyyaa yeroo hunda labsan garuu ilaalcha bal’aa kana ni qabuu jennee yoo ilaalle yaanni isaanii guutumatti faallaa kanaa ta’uu argina. Ummanni kun sabaafi hordoftoota amantii isaaniitiin alaa akka lammiittuu hin ilaalan. Fakkeenyaaf kitaabni “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa” yaada armaan gadii dubbateera: “Seenaan sochii Oromoo Bareentuufi Booranaa jaarraa 16ffaa akka godaansaatti yoo ilaalamu, walitti bu’iinsi mootummaa Abiisiiniyaafi Islaamaa jaarraa 16ffaa sababa ka’umsa waraanichaa mootummaa Islaamaa taasisuun waraanichi weerara Ahmad Giraanyiin moggaafame. Weerarriifi aggaammiin mootummaa sanyii Salamoonawaa jaarraa 13ffaa irraa eegalee hanga xumura jaarraa 19ffaatti taasise ummattoota Gaanfa Afrikaa nagaa dhorke garuu akka hojii qulqulluu biyya ijaaruuf taasifameetti fudhatame. Kanaaf barreeffama seenaa Itoophiyaa keessatti kaan abbaa biyyaa kaan immoo keessummaa taasisuun barreessuun waanuma baratameedha. Oromoonis ummattoota abbaan biyyummaa isaanii barreeffama seenaatiin haalamuu yaalame keessaa tokkoodha.” (Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa, 7-8)
Warri ummata keenya gabroomfatan yeroo hunda maal akka isaan labsaa turan kitaabni “Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse” jedhamu ibseera:
"qomoowwan weeraraan biyyaafi qe’ee irraa fudhachuudhaan gabroomfatan kanneen biyya hin qabne, bilisummaa hin qabne, kabaja sabummaa hin qabne hundumaa waa’ee jaalala biyyaa, jaalala mootummaa isaanii barsiisuu yaalu. Saba mirgi ofiin of bulchuu duraa sarbamee garboome barnoota “jaalala biyyaa” jedhu barsiisuu yaalu. Har’ayyuu gochaa wallaalchisaa kana kan isaan raawwatan ni argina. Abbaa biyyummaa lammiilee sanaa garuu jabinaan mormu." (Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Warqinaafi Gammachuu Malkaa, fuula 17)
Ibsa kanarraa biyya kana keessatti ummanni Muslimaafi Oromoo abbaa biyyaa akka hin taaneefi waan godaansaan biyya alaatii dhufan fakkeessuuf barreessitoonni seenaa Itoophiyaa barreesan socho’uun isaanii sirriitti hubatama. Garuu tisiisa irraa damma eeguu keenyaan badiin keenyuma ta’a. Nuti ummanni bal’aan seenaafi aadaa keenya barreessuu dhabnee hiree maalummaa keenya nuuf murteessu ummata kaaniif dhiisuudhaan sadarkaa kana tuffatamne. Amma garuu ummanni keenya dammaqee seenaafi aadaa isaallee qorachuus eegalee abbaa biyyaa ta’uu isaa labsuu eegaleera.
Ahmaddiin Jabalis dhimma Muslimootaa yeroo dubbatu yaada bal’aa armaan gadii ibseera: “biyya kana keessatti ‘seenaa’ jedhamee kan dhihaate guutuu Maalummaa biyyattii calanqisiisee mul’isuu hin dandeenye. Seenaa Kiristaanaatiifi Naannoo kaabaa qofa barreessanii guutuu Itoophiyaa bakka hin bu’uu osoma beekanii “seenaa Itoophiyaa” jechuudhaan ibsu. Seenaa Itoophiyaa naannoo kaabaa qofaaf kennan.1 Waa’een biyyattii yeroo dubbatamus ta’ee yeroo barreeffamu seenaan dhihaatu naannoolee Kiristaanaa (kaabaa) qofa ture. Naannoon Kibbaatiifi Muslimootaa qabeenya jaraatiin, madda dinagdeefi kkf tahuudhaan dubbatamuu malee seenaa qabaachuudhaan gonkumaa hin yaadataman. Ulaagaan Itoophiyummaa Kiristaana ta’uu kan gaafatu ta’e. Hiikti Itoophiyummaadhaaf kenname hawaasa biyyattii keessaa saba tokko qofatti xiyyeeffata. Waa’ee biyyattiis tahee kan Mootummaa isii yeroo dubbatamu itti yaadameetuma Kiristaanummaafi manneen Bataskaanaa qofaan walitti hidhama. Seera mootummaa irraa eegalee caasaan maybaasii mootummaa hunduu kan ummata bal’aa Itoophiyaa osoo hin taane fedhiifi aangoo Bataskaanaatiin qabamee hogganama ture.
Ummata Muslimaa yero ibsan “Muslilmoota Itoophiyaa” osoo hin taane “Muslimoota Itoophiyaa keessa jiraatan” jechuudhaan waamu. Sababni isaan kana godhaniif Muslimoonni Itoophiyaa kan keessummummaa biyya biraarraa dhufanii biyya jaraa keessa jiraatan fakkeessanii alagoomsuufi abbaa biyyummaan akka itti hin dhaga’amne keessaa cuunfamee akka dhabamu gochuuf kaayyoo karoorfameedha. Kanaafuu Muslimni “ani lammii Itoophiyaatii?”1 gaaffiin jedhu keessatti uumamee yeroo dheeraadhaaf qormaata itti ta’aa ture. Dhiibbaan yaanni kun Muslimootarraan gahe waan akka laayyootti ilaalamuu miti. Gochi kun Muslimoota alagoomsee dhimma biyyattii keessatti taajjabdoota moggaa dhaabbatee daawwatu taasise.
Walumaa galatti gochi jaraa kun jaalala Muslimoonni biyya isaaniitiif qabaachuu qaban irratti qormaata itti ta’aa ture. Namni hunduu biyya ofii jaallachuun, gumii biyyummaa bahachuufi isiidhaaf jecha wareegama kaffaluutu irraa eegama. Biyya ofii jaallachuun dirqama malee filannoo keenyaa miti. Hacuuccaaniifi cunqursaan baay’achuun jaalala namni biyyaaf qabaachuu qaburratti hanga fedhe dhiibbaa uumullee bakka dabeen sirreessaa, bakka jallateen qajeelchaa of dura deemuudha malee biyya ofii jibbuun gonkumaa sirrii miti. Waan nama ajaa’ibu irraa warri jaallattoota biyyaa ta’uu isaanii halkaniifi guyyaa nutti himan (dingil mareeet jedhan) waa’ee dachii biyyattii, laggeen, bosona, gaarreeniifi sulula isii weeddisaati eenyummaa ummata isii amananii fudhachuu jibbuun gonkumaa waan wal hin fakkaanneedha.
Sababni gochi isaanii kun sirrii miti jennuuf biyya jechuun biyyee isiitiifi qabeenya uumamaa isiin qabdu qofaa miti. Inni guddaan seenaa ummattoota biyyattii, aadaafi maalummaa amantii ummatichaa jaallatanii amananii fudhachuudha. Aalimni Itoophiyaa beekamaan Sheekh Sa’id Muhammad Saadiq dhugaa jiru akkas jechuudhaan ibsu.
"Biyya ofii tajaajiluun dirqama ilmaan namaa waan ta’eef faayidaan itti hin barbaadamu ture. Garuu namoonni “biyyuma keessatti jireenyi nuuf mijaa’etu biyya keenya; ummata nu kabajetu maatii keenya” jedhan waan hin dhibamneef warra biyya tajaajilaniif mindaan kennamuun gocha sirrii ta’e. Biyya jaallachuu jechuun dachii isii, ummatichaafi aadaa ummatichaa dabalatee yoo ta’e malee dhoqqee (lafa) isii qofa jaallachuu yoo ta’e diinninuu akka jaallatu beekuun barbaachisaadha." (Endris Mohammed, Sheik Seid Muhammed Sadiq (1897-1977) Philological, Historical And Patriotic Legacy, 2007, Africa Printing P.L.C .P 150. Hunda isaatuu kitaaba seenaa Muslimoota Itiyoophiyaa kan Ahmaddiin Jabal fuula 25 – 27 irraan fuudhe.)
Walumaa galatti ummanni Oromoofi Muslimoonni akka biyya ofii shakkan godhamaa turan. Yeroo baay’ee akka baqattoota alaa dhufanii asitti hafaniitti ilaalaman. Muslimoonni Oromoo ta’an immoo yakka Oromummaafi Islaamummaa waan qabaniif gidiraan daran itti hammaatte. Kanaafuu maqaa biyyattii kan Itoophiyaa jedhuyyuu dhaga’uu jibban. Lammiin keenya biyya ofii keessa jiraachuurra baqatanii biyya alaa jiraachuu filatan. Kanaafuu namoonni baay’een biyyaa baqatanii godaanan. Godaansa kana keessatti namoota baay’eetu rakkoo gurguddaaf saaxilaman. Kan galaana keessatti qurxummiin nyaatame lakkoofsa hin qabu. Kan harka namaatti lubbuun isaanii ba’eefi dubartoonni dhiira baay’een gudeedamanis hedduudha.
Biyyootiin addunyaa kan lammiin keenya itti hin baqatin hin jiru. Akka lammii biraa bakka dhaqanittillee kabaja hin qaban. Yeroo dhiheenyaa biyya Afrikaa Kibbaa keessatti kan gommaan konkolaataa itti hidhamuudhaan gubaman daawwanneerra. Warri Liibiyaa keessatti dhumes namoota nuti beeknu fa’i. Kana hundaafuu sababa kan ta’e hacuuccaa mootiin maqaa Salamoonawaa jedhuun of waamu booda kana gargaarsa Awrooppaatiin nurratti raawwateedha. Warri hanga kaleessaa tures dhaaltota isaaniitu maqaa jijjiirrate malee haaraa miti. Gariin isaanii dhaaltota Yohaannis ta’anii ergaa Yohaannis geggeessuuf yoo socho’an kaan immoo dhaaltota Minilik ta’uudhaan kaayyoo isaa galmaan ga’uuf qabsaa’u. Qabxii kana ilaalchisee kan hanga ta’e galata qabu mootummaa Dargiiti. Maqaan mootummaa Salamoonawaa inni awwaale hanga Guyyaa Qiyaamaatti deebi’ee hin ka’u. Warri booda isaa maqaa dhiifte malee gocha isaanii deebiftee kaaftee turte. Amma isiinis sababa sochii qeerroo Oromiyaa nurraa dhabamteetti.
3.3 Qabsoo Bilisummaa
Ummanni kallattii adda addaatiin hacuucame bilisummaa argachuudhaaf warraaqsa kaasuun isaa hin oolu. Roorroon yoo kallattii sabaa, amantii, dinagdee, siyaasaa, aadaafi kan birootiin ummata irra ga’e ummanni haala ilaallatee hacuuccaa kana jalaa bahuuf sochii eegala. Yeroo baay’ee qabsoon godhamu kun sabboonummaa ykn jaalala biyyaa kan jedhu irratti hundaa’a. Sochiin kun jaarraa 19ffaa Awrooppaa keessatti yeroo haala addaatiin eegalu sababoota baay’ee qaba ture. Isaan ijoon kan armaan gadiiti:
- Ummanni Awrooppaa baay’een hacuuccaa taayitaa sirna abbaa lafaa kan hojjattootaafi qottoota mirga dhorgatanii bu’aa ofiitiif yeroo hunda isaanmhojjachiisan jalaa ba’uu
- Bara dukkanaa jedhamee kan beekamu keessa warra maqaa amantiitiin ummaticha hacuuce jalaa ba’uufi
- Bilisummaa barbaacha, wal qixxummaa fiduu, jireenya hadhaawaa keessaa bahuuf ture.
Barri isaan dukkana jedhanii nu barsiisan kun bara ummanni Awrooppaa rakkoo keessa tureedha malee addunyaa guutuu miti. Akkuma seenaan Itiyoophiyaa kan warra kaabaa qofa ta’e kan addunyaas Awrooppaa qofarratti gabaabsamuuf yaalama. Yeroo sanatti amantiin Kaatolikii ol aantummaa waan qabuuf warra qorannoo saayinsii geggeessanii yaada isaanii faallessan hunda shayxaana jedhanii ajjeesaa turan. Qeesoleen yeroo sanaa qaama dhiqachuuwuu yakka guddaatti ilaalu turan. Nama umurii isaa guutuu osoo qaama hin dhiqatin caffee keessa rafaa marga nyaatee jiraatutu ture. Bara sana keessa saayintistoonni yaada phaaphaasii faallessuun ajjeefaman kuma dhibba sadiitti tilmaamamu. Kan osoo lubbuun jiranii gubaman immoo saayintistoota kuma digdamii lama turan. Gaalili’oon sababa dachiitu naannofti jechuu amanuuf warra manni murtii bataskaanaa ajjeechaa itti murteessitee ajjeefame keessaa tokko ture. (Maazaa Kasiral Aalamu, fuula 157 ilaali). Dhuguma barichi biyya sanaaf dukkana azaabaa ture. Garuu dukkanichi Ardii Awrooppaa malee kan biroo hin ilaallatu.
Kanarraa ka’anii sabboononni Faransaayiifi Ameerikaa qabsoo labsanii bilisummaa, wal qixxummaafi haqa dalaguutti waaman. Yeroo sanarraa kaasanii taayitaa hin daangeffamne kan mootummaaf kenname mormuufi mirga dhala namaatiif labsuu jalqaban. Warraaqsi jalqaba kanarratti milkaa’e kan Faransaayii ture. Achiin biyyootiin addunyaa baay’een Faransaayii hordofanii qabsoo eegalan. Qabsoon bilisummaa yeroo baay’ee sabboonummaafi biyyoomaan kan adda ba’uu miti. Sabboonummaafi jaalalli biyyaas hariiroo guddaa qaba ture. Garaa garummaas ni qaba. Kana qabxii itti aanu keessatti ilaalla.
3.4 Hariiroo Jechoota Kana Sadanii
Jechoota kanniin sirriitti hubachuuf qabatama biyyootii adda addaa tuquun barbaachisaa ta’a. Sochiin biyya Faransaayii yeroo jalqabu sabboonummaafi biyyoomni isaan biratti tokko ture. Sababni isaas ummanni Afaan Faransaayii dubbatan hunduu Faransaayii keessa jiraatu. Akkasumas biyyattii kan to’ate sabuma sana qofa ture. Kanaafuu sabni Faransaayii bilisoome jechuun biyyi Faransaayii bilisoome jechuudha. Faallaa kanaas biyyi Faransaayii bilisoome jechuunis sabni Faransaayii bilisa ba’e jechuudha. Kanaafuu biyya sanatti saba jechuufi lammii jechuun, akkasuma sabboonummaafi jaalalli biyyaa hiikti isaa tokko ture. Biyyoonni akka Jarmanii, Jaappaaniifi kkf haala kan Faransaayiitiin wal fakkaatu. Sababni isaas saba tokkotu dachii tokkorra jiraata waan ta’eef.
Biyyootii biroo kan akka Arabaa biratti immoo biyyoomni kan saba Arabaa irra dhiphoo ta’e. Isaan jalqaba sochii biyyoomaa eegalanii itti waamaa turan. Biyyoonni akka Misraa, Sooriyaafi kkf sochii biyyoomaa eegalanii turan. Garuu booda akka biyyoomni kan sabaa irra dhiphina qabu baranii sochii sabboonummaatti jijjiiran. Misra erga Jamaal Abdul Naasirii kaaftee sabboonummaa Arabaatti deebite. Achiin biyyoonni Arabaa hunduu sabboonummaatti deebite. Garuu kaayyoon sabboonummaa isaanii hunduu wal dhabee hanga ammaatti ciccitanii hafan. Biyya gariitti sabboonummaan isaa kan biyyaarra dhiphata. Biyyi keenya haalli isaa baay’een kana fakkaata. Inni irra bal’aan biyyooma malee sabboonummaa miti.
Garuu akkuma sila dubbannee dabarsine biyya akka nuti hin jaalanne waan nurratti hojjatameef sabni Oromoo baay’een sabboonummaa filate. Akka Oromiyaatti sochiin duraan ture baay’een isaa ummata Oromoofi dachii Oromiyaa bilisoomsuuf qabsaa’uu ture. Gara boodaa kana immoo ummanni Oromoo bara dheeraa hacuucamaa ture amma carraa argatee biyyattii guutuu bulchuu, afaan isaa afaan federaalaa ta’uu, dachiin isaa saamame kan akka Finfinnee, Raayyaa, Wolloofi kkf deebi’uufii qaba yaada jedhutti jirama. Yaanni kun biyyooma isa jedhuun wal galuu wajjiin sadarkaa sabboonummaa dubbannee dabarsineen alaa miti. Kana jechuun Oromoon Itoophiyaan alaa kan Keeniyaa, Sumaalee, Yugaandaafi Taanzaaniyaa keessa faan jiran sabboonummaa kana keessatti ni hammatamuu akeeka. Yaanni Oromoota baay’ees kanuma natti fakkaata; Oromoon lafa jiru hundarrattuu bilisa ba’uu qaba jedhu.
Guyyaa tokko namni Oromoo biyya Yugaandaa wahii biyya keenya dhufee waan rakkateef masjida Jimmaa wahii seenee Afaan Ingiliffaatiin gargaarsa gaafate. Inni Oromiyaa keessa akka jiru hin beeku ture. Booda qarshiin ummanni isaaf kennan xiqqaannaan “yaa Waaq maal wayya?” jedhe. Achiin ummanni Oromiffa dubbachuu isaa arganii “ati maaliif Yugaandaa jettee nu sobda? Atihoo Oromiffa dubbattaa” jedhaniin. Innis dachii Oromiyaa keessa akka jiru waan hin beekneef “isin Yugaandaadhaa akkam Oromiffa dubbattu?” jedhe. Ummannis “lakki nuti Yugaandaa miti Oromiyaadha” jedhan. Achiin namichis boo’ee “nuti Oromoota kuma dhibba afurii oltu naannoo tokko jiraanna; ummanni achii saba keenyaan ‘dachii keenya irraa ka’aa Oromiyaatti galaa’ jedhanii galaanatti darbu” jedhee dubbate. Oromoon bilisummaa falmu warra akkasiitiifis falmuutu irraa eegama jechuun yaada. Oromoon osoo hin beekamin naannoo adda addaa keessatti hacuucamanii jiranis bilisummaa kana irraa fayyadamuu qabu.
Fkn’f ummanni Oromoo hundee Shawaa (Tuulamaa) irraa ta’an kan Haylesillaaseen bara 1945 gara Kafaa godina Boongaa aanaa Gawaattaa jedhamu geesse namoonni kuma dhibba sadii ol ta’an achitti hacuucamanii mirga baay’ee dhabanii jiraachuu isaanii quba qabnaa? Kana malees godinicha keessa aanaa shan keessa jiru.1 Guyyaa tokko nama achii wahii argee rakkoo achi jiru irraa qoradhee maqaa isaa gaafannaan natti himuu dide. Maaliif jennaan akka tasaa yoo maqaa koo dubbatte isatu odeeffannoo kana baase waan jedhuun rakkoon na mudata jedhee maqaa isaa osoo natti hin himin adda baane. Walumaa galatti jechoonni kun sadan hariiroo guddaa qabu. Akkasumas garaagarummaas ni qabu.
Fuula FB kan OBN irratti guyyaa tokko odeeffannoo bal’aa armaan gadii dubbiseera. Bara mootummaa Hayilesillaasee lafti abbaa lafaa hojjattoota mootichaatiin qabamaa adeeme. Ummanni Meettaa Roobiitiifi Salaalee lafa dhabuu qofa utuu hin taane cunqursaan abbaa lafaa baay’ee itti ulfaate. Booda mala dhabnaan mootii Hayile Sillaaseetti iyyata dhiyeeffatan. Bara 1945 mootichi nama lafa dhabee akka lafti kennemuuf gaaazeexaadhaan baase. Lafti Oromoonni Salaaleefi Meettaa Roobii gaafatan Arsiifi Baalee ture. Garuu bakka kennamuuf utuu hin beekin galmaa’anii geggeessaa isaanii filatan. Bara 1945 gara dhumaarra lafti isaaniif kenname bakka yeroo sana Kafaa Kifle Hager jedhamee waamamu yeroo ammaa kanammoo godina Kafaa jedhamee waamamu ta’e itti himame. Yeroo sana dhimmichi jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Oromoonni kuma digdama ta’an miilaan loon isaanii ooffatanii ji’a tokkotti Godina Kafaa ga’anii qubatan. Itti fufee sirba isaan sirbaa biyya sana dhaqan garaa nama gubu baay’ee dubbate. Yaada itti fufuun kan armaan gadii ibse:
Yeroo ammaa kana Godina Kafaa aanaa ja’an keessaa jiru. Isaanis
- Aanaa Gawaattaa
- Aanaa Geeshaa
- Aanaa Biixxaa
- Aanaa Cannaa
- Aanaa Addiyoo
- Aanaa Cattaa
Lakkoofsi isaanii tilmaamaan kuma dhibba shaniifi isaa ol akka ta’an shakkii hin qabu. Lakkoofsa sirrii ta’e adda baasuuf bulchiinsi naannoo waan hin eeyyamneef malee salphaa ture. Aanaa Gawaattaa keessatti bara 1999 dhoksaadhaan akka lakkaawametti kuma dhibba tokkoof kuma shantama akka ta’e ragaan ni jira. Lakkoofsi ummataa bara kana geggeeffames Oromoota hunda kan hammatee miti.