Namni tokko hidda saba isaa lakkaa’ee baruun, saba isaatti ykn biyya isaatti dabuun rakkoo homaatuu hin qabu. Inumaa “saba keessan irraa waan ittiin firooma keessan fuftan baradhaa” jechuutu jira.
قال رسول الله صلى الله عليه وسلم : اعْرِفُوا أَنْسَابَكُمْ تَصِلُوا أَرْحَامَكُمْ
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “saba keessan qoradhaa; ittiin firooma keessan fuftu.” Hadiisicha Alhaakim sahiiha godheera. Zahabiinis isa deeggare.
Kanaafuu nabiyyoonni kamuu yeroo ergaman waamichi isaanii guddaan “yaa ummata kiyya!” kan jedhu ture. Akkasuma namni tokko guyyaa rakkoo wahii saba ofiitti dabee rakkoo keessaa bahuun ni deeggarama. Kanaafuu nabiyyullaah Luux [A.S] kan armaan gadii jedhee ture:
لَوْ أَنَّ لِي بِكُمْ قُوَّةً أَوْ آوِي إِلَىٰ رُكْنٍ شَدِيدٍ
"Ani osoon humna isin irratti qabaadhee ykn gara gosa jabduutti hirkadhee [ittiin of tiksa ture].” [Huud: 80]
Aayanni kun namni kamuu saba isaatiin ni fayyadama jechuu nu barsiiseera. Akkasuma ummanni Madyan nabiyyii isaanii Shu’aybiin ajjeesuu yaadanii saba isaa sodaachuun akka dhiisan Qur'aanni nutti himeera. Sabboonummaan nabiyyootas ni fayyade jechuu nu akeeka. Rabbiin ni jedhe:
يَا شُعَيْبُ مَا نَفْقَهُ كَثِيرًا مِمَّا تَقُولُ وَإِنَّا لَنَرَاكَ فِينَا ضَعِيفًا ۖ وَلَوْلَا رَهْطُكَ لَرَجَمْنَاكَ ۖ وَمَا أَنْتَ عَلَيْنَا بِعَزِيزٍ
"Yaa Shu’ayb! Irra hedduu waan ati jettuu nuti hin hubannu. Nu keessatti dadhabaa taateetiin si argina. Odoo gosti kee jiraachuu baatee, silaa dhagaan tumnee si ajjeefna turre. Ati nurratti jabaa miti." [Huud: 91]
Ummanni Samuudis nabiyyii isaanii Saalihiin ajjeesuu karoorsanii turan. Garuu waan inni saba bal’aa qabuuf mullisanii isa miidhuun isaaniif hin mijoofne. Kanaafuu namoonni humna qaban bebbeekamoon saglan halkan keessa dhokatanii Saalihiifi maatii isaa ajjeesuuf walii galan. Saba isaatiin immoo nuti ajjeefamuu isaanii homaa hin arginee kakachuuf mari’atan. Oggas kallattii inni ibaadaaf deemu irra deemanii holqa wahii keessatti isa ajjeesuuf eegan. Garuu osoo isaan achi jiranii Rabbiin dhagaa guddaa isaatiin isaanitti cufee achumatti dhuman. Shira isaan baasan Rabbiin isaanumatti deebise. Saalih ganama yeroo karaa sana darbu karaan nagaa ture. Galgala ogga inni galu immoo dhagaan lagicha cufee arge. Inni waan kana dinqisiifataa gale. Namoonni sun hunduu achitti dhuman. Ummanni biyyatti hafan kan jallina fagoo keessa turan immoo booda isaaniitii balleeffaman. Rabbiin isa kana gabaabsee nutti himeera:
وَكَانَ فِي الْمَدِينَةِ تِسْعَةُ رَهْطٍ يُفْسِدُونَ فِي الْأَرْضِ وَلَا يُصْلِحُونَ ٤٨ قَالُوا تَقَاسَمُوا بِاللَّهِ لَنُبَيِّتَنَّهُ وَأَهْلَهُ ثُمَّ لَنَقُولَنَّ لِوَلِيِّهِ مَا شَهِدْنَا مَهْلِكَ أَهْلِهِ وَإِنَّا لَصَادِقُونَ ٤٩ وَمَكَرُوا مَكْرًا وَمَكَرْنَا مَكْرًا وَهُمْ لَا يَشْعُرُونَ ٥٠ فَانْظُرْ كَيْفَ كَانَ عَاقِبَةُ مَكْرِهِمْ أَنَّا دَمَّرْنَاهُمْ وَقَوْمَهُمْ أَجْمَعِينَ ٥١ فَتِلْكَ بُيُوتُهُمْ خَاوِيَةً بِمَا ظَلَمُوا ۗ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَةً لِقَوْمٍ يَعْلَمُونَ ٥٢
"Magaalattii keessa namoota sagal kan gaarii hin hojjanne lafa balleesantu ture. Ni jedhan: “Dhugumatti isaafi maatii isaa halkan keessa akka balleessinee sana booda fira isaatiin ‘nuti ajjeechaa maatii isaa bira hin jirru; nuti dhugaa dubbattoota’ jechuuf Rabbiin waliif kakadhaa.” Isaan tooftaa baasan. Nutis odoo isaan hin beekne tooftaa itti baasne. Booddeen tooftaa isaanii akkam akka ta’e ilaali! Dhugumatti, Nuti isaaniifi ummata isaanii guutumatti balleessine. Kun sababa isaan miidhaa hojjataniin ontuu haala taateen manneen isaaniiti. Dhugumatti, kana keessa namoota beekaniif mallattootu jira." [Annaml: 48 - 52]
Nabiyyiin Rabbii Luux immoo saba cimaa akkasii dhabuu isaatiif badii isaanii of irraa deebisuu dadhabe. Kanaafuu dubbii isaa irraas mullate.
Nabiyyichi keenyas (saw) saba isaanii irraa baay’ee fayyadamaniiru. Wasiilli (adeerri) isaanii Abuu Xaalib osoma Islaama hin fudhatin hanga du’aatti Ergamaa Rabbii (saw) wajjin dhaabataa ture. Wasiilli kaafirri kun Ergamaa Rabbii (saw) ofitti qabuu kana Rabbiin tola isaaniif oole godhee dubbate. “Sila yatiima ta’uu kee arginee si hin maxxansinee?” jedhe. Abbaafi haati duunaan Abuu Xaalib ofitti isaan qabee kunuunsee guddise. Booda isaan ergamaniis hanga dhumaatti bira dhaabate. Abuu Xaalibis “hanga ani biyyee keessa awwaalamutti baay’ina isaanii kanaan si tuquu hin danda’an” jedhee kakataa ture. Kanaafuu seenaa Islaamaa keessatti barri Abuu Xaalibiifi Khadiijaan du’an bara gaddaa jedhamee beekama. Sana booda rakkoo baay’ee ulfaataatu isaan mudataa ture. Ogga sanas firoottan Ergamaa Rabbii (saw) warra banii Haashim sodaataniiti malee silaa ummanni jajalloon Ergamaa Rabbii (saw) ajjeesuu irraa duuba hin deebi’an ture. Kanaafuu guyyaa godaansaa akka gosa hunda irraa namni tokko tokko dhufee yeroo wal fakkaataa Ergamaa Rabbii (saw) waraananii ajjeesan mari’atan. Sababni isaas gosa baay’ee irraa yoo ta’e baniin Haashim gosa hundaan loluu waan hin dandeenyeef dirqama gumaa kaffaltii gaala dhibba fudhatu. Muhammadiin haala kanaan ajjeefnee gaala kaffallee tokkummaa Rabbii inni himu kana irraa boqochuu nuuf wayyaa mari’ataa turan.
Kanaafuu gosa ofiitti dabuun (aantomuun) sharii’aa keessatti jibbamaa miti. Kan jibbamu saba biraa tuffachuu, saba ofii kan nama miidhu miidhaa san irratti deeggaruu, saba kaan hacuucuufi kkf dha. Akka Islaamaatti Muslima saba biraa irraa ta’e tokko sabni isaa waan adda ta’eef of irraa achi dhiibuun badii guddaadha. Inni kun hariiroo iimaanaa isa Rabbiin hidhaa cimaa godhe muruudha. Tokkummaa Muslimoota addunyaa guutuu kan Islaamni dirqama godhe san faallessuutu keessa jira. Akkuma dubbannee dabarsine namni tokko eenyummaa baay’ee qaba. Sabniifi amantiin eenyummaa san keessaayi. Nama eenyummaa amantii sii waliin qabu sabni isaa naan adda jettee tuffachuun diliin isaa baay’ee ulfaataadha. Kanaafuu Ergamaan Rabbii (saw) “obboleessa isaa Muslimaa tuffachuun hamtuudhaaf ilma namaa ni ga’a” jedhan. (Muslimtu gabaase.)
Akka biyya keenyaatti saboonni Muslimootaa baay’eetu jiru. Warri kun hariiroo amantii nuun qabu. Garuu sabaan nuun adda. Isaanii wajjin obbolummaa dirqamaa kan Rabbiin nu ajajetu jira. Kanaafuu obbolummaa Islaamaa san eeguun dirqama Muslimoota hundaati. Oromoota wajjin immoo hariiroo dhiigaa qabna. Kanaafuu bu’aa waliitiif wajjin hojjachuun rakkoo homaatuu hin qabu. Firri wal bira dhaabachuun seenaa hunda keessattuu beekamaadha waan ta’eef. Kanaafuu Rabbiin firooma fufuu dirqama godhe. Namni firooma dhiigaa kutes badiin isaa hammaataadha. Guyyaa Qiyaamaa nama firooma kute rakkoo guddaatu isa mudata. Nama firooma kute Rabbiin akka isa kutu Hadiisa keessatti nutti himameera.
Sabni baay’achuun bu’aa baay’ee qaba. Qur'aanni suuraa Alhujuraat keessatti waa’ee qoqqoodama sabaa ilaalchisee ergaa gaarii dabarsee jira. Innis aayata armaan gadiiti:
يَا أَيُّهَا النَّاسُ إِنَّا خَلَقْنَاكُمْ مِنْ ذَكَرٍ وَأُنْثَىٰ وَجَعَلْنَاكُمْ شُعُوبًا وَقَبَائِلَ لِتَعَارَفُوا ۚ إِنَّ أَكْرَمَكُمْ عِنْدَ اللَّهِ أَتْقَاكُمْ
"Yaa namootaa! Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne; akka wal beektaniif jechas sabootaafi sablammoota adda addaa isin taasifne. Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani." (Alhujuraat:13)
Aayanni kun ilaalcha Islaamni sabboonummaa irraa qabu qabxii sadiin ibse. Isaanis:
- Uumamaan akka ummanni sabaafi sablammootatti qoodaman nutti hime. “Sabootaafi sablammoota adda addaa isin taasifne” jedhe.
- Bu’aa sabaafi sablammiin adda adda ta’uu nutti hime. Innis “akka wal beektaniif” nuun jedhe.
- Amala nuti qabaachuu qabnus nu barsiise. Innis “Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani” nuun jedhe.
Qabxiilee kana sadan bal’ifnee kutaa itt aanu irratti dubbanna.
3.5.1 Uumamaan Sabaafi Sablammoonni
Jiraachuu
Rabbiin ni jedhe: “Nuti dhiiraafi dubartii irraa isin uumne; akka wal beektaniif jechas sabootaafi sablammoota adda addaa isin taasifne.” Wanti aayata kana irraa barannu ummanni gosaan, sabaafi sablammiidhaan adda ta’uun adeemsa uumamaati malee waan filannoo keenyaan dhufee miti. Kana jechuun namoonni sanyiidhaan, gosaan, sabaafi sablammiidhaan adda ta’uufi akaakuun isaanii baay’achuun waan namni dhuunfaa ykn dhaabni siyaasaa wahii uumee miti. Rabbii namoota kana uumetu gosa adda addaa, sabaafi sablammiitti ummata kana qoode. Saba guddaa tokko yoo fudhatte isa jalas sanyii baay’eetu jira. Sanyii sana keessas yoo deemte balbala adda addaa ni qabu. Maatiin tokkollee dhiiraafi dubartii waan qabuuf garaa garummaan wahii akka jiru ni hubanna. Inni kun uumaa Rabbii waan ta’eef jijjiiruun gonkumaa hin danda’amu. Akkuma kana biftiifi afaan dubbatamus wal dhabuun isaa uumama Rabbii kan nuti jijjiiruufi dhabamsiisuu hin dandeenyeedha.
Yaada kana nuu ibsuuf jecha Rabbiin suurat Arruum keessatti biftiifi afaan ummataa wal dhabuu mallattoo dandeettii Isaa irraa lakkaa’ee jira. Ni jedhe:
وَمِنْ آيَاتِهِ خَلْقُ السَّمَاوَاتِ وَالْأَرْضِ وَاخْتِلَافُ أَلْسِنَتِكُمْ وَأَلْوَانِكُمْ ۚ إِنَّ فِي ذَٰلِكَ لَآيَاتٍ لِّلْعَالِمِينَ
"Samiifi dachii uumuu, arrabni (lugaan) keessaniifi bifti keessan waldhabuunis mallattoo (raajii) Isaa irraayyi. Dhugumatti, kana keessa aalama hundaaf mallattoolee (raajiiwwantu) jiru." (Arruum: 22)
Ummanni addunyaa kana irra jiraatan sabaan, gosaan, bifaan, afaaniin, aadaafi kkf’n garaa garummaa qabu. Garaa garummaa kanan balleessa jedhee namni socho’e uumama faallessuudha. Yaanni kana fakkaatu yeroo dhiheenyaa Kongireesii Amerikaa irratti mootii isaaniitiin dhihaatee ture. Afrikaafi ummata gurraacha fixnee warra adiifi filatamoon qofti addunyaa irra haa jiraatan yaada jedhu mootiin isaanii kaasee ture. Kun yaaduu dhabuu isaa irraa kan ka’eedha malee gonkumaa waan danda’amu akka hin taane beekamaadha.
Namoonni jalqaba irratti burqaan isaanii tokko ta’uun shakkii homaatuu hin qabu hoo “akkamitti kun uumamuu danda’e?” yaanni jedhu uumamuun ni mala. Dhugaadha burqaan namoota hundaawuu tokko ta’uun shakkii hin qabu. Akka amantii Islaamaatti namni abbaa isaa Aadam irraa eegale; booda Hawwaan itti ida’amte. Isaan lamaan irraa dhiiroleefi dubaroonni baay’een uumaman. Kana jechuun isaan hunduu sabni isaanii jalqaba tokko tureedha. Garuu yeroo booda ilmi namaa kun miira isaa, naannoo keessa jiraatu, hawaasa waliin jiraatu, aadaa, amantii, qarooma, haala jireenyaa hiyyummaafi durummaa, sochii daldalaafi dhimma biraatiif bakkaa bakkatti socho’uun garaa garummaa uumuu eegale. Akkasuma ilmaan abbaa tokkoo yeroo baay’ataa deeman isaanuu saba mataa isaanii uumuu eegalu.
Fkn’f warri amantii baay’een akkasuma gariin warra seenaa “ummanni yeroo ammaa dachii irra jiru hunduu ilmaan Nuuh (Noh) ta’uu” dubbatu. Warra isa booda jirantu Kuush (Haam), Seem, Niiloofi kan birootti qoqqoodaman. Garuu abbaan isaanii tokkicha ture. Hambaan isaan abbaa isaanii irraa dhaalan osoo tokko ta’uu sababoota armaan olitti dubbanneen saboota adda addaa ta’an. Akkuma kana ummanni Oromoo yeroo duuba deebi’u Kuushitti seena. Kana jechuun ummanni baha Afrikaa turan kan akka Nuubaa, Sumaalee, Affaariifi kkf tokko turan; afaan isaaniis tokko ture. Booda garuu adda fottoqaa dhufanii saba adda addaa ta’an.
3.5.2 Bu’aa Sabaafi Sablammiin Baay’achuu
Sabaafi sablammiin baay’achuun uumama ta’uu erga barree bu’aa maalii nuuf qaba kan jedhu gaaffii ta’ee dhihaachuun isaa hin oolu. Islaamni bu’aa garaa garummaan kun qabu nutti himeera. Innis ittiin wal baruuf kan jedhuudha. Addunyaa kana irratti qaroomni, aadaan, amantiiniifi kan biroollee ummata keessatti uumame qaba. Wantoota kana hundee isaa baruuf jalqaba ummata sana baruun, maalummaa isaanii beekuuniifi seenaa isaanii hubachuun dirqama ta’a. Namni adda baasee wal baruuf immoo wanti adda isa godhu jiraachuun dirqama ta’a. Yeroo ummanni baay’ataa dhufe keessatti immoo wanti adda isa godhus baay’achuu barbaachisa. Kanaafuu Rabbiin ummata kana bifaan, afaaniin, sabaafi gosaan adda baase. Ummanni haala kanaan wal baruudhaan wantoota bu’a qabeessa isaan bira jiru wal jijjiiru. Wantoonni wal jijjiiraman kun qaroomina, aadaa, amantii fi kkf’n ta’uu danda’a. Fakkeenyi kanaa addunyaa keenya irra baay’eedha. Akkasuma wal irraa barachuudhaan dogoggora qaban sirreeffatu.
Walumaa galatti wal baruun sabaafi sablammii Qur'aana keessatti dubbatame kun bu’aa guddaa dubbatamee hin dhumne qaba. Sababa isaa barumsi saayinsiifi Teknooloojii biyya tokkotti qoratame biyya biraa keessattis ni fayyada. Aadaan bu’a qabeessi ummata tokkoo ummata biraa fayyaduu danda’a. Amantiinis akkasuma. Fakkeenyaaf ummanni naannoo Kaaba Afrikaa turan baay’een isaanii uumama jiran kan akka ji’aa, biiftuu, dachii, samiifi kkf, akkasuma waaqa namtolchee kanneen akka Haamuun biyya Misraa tureefi kkf gabbaraa turan. Biyyoonni biroos akkasuma turan. Booda garuu amantiin akka Kiristaanaafi Islaamaa ogga dhufu ummanni baay’een irra isaan kanatu sirriidha jedhanii isaan fudhataniiru.
Kana jechuun wal baruun Qur'aana keessa jiru kun amantiinillee osoo hin hafin akka ummanni wal jijjiiru godhaa tureedha. Walumaa galatti ummanni yoo wal baree walitti gurguree, wal irraa bitee, kennee fudhate malee guutuu ta’ee jiraachuu gonkumaa hin danda’u. Kanaafuu wal baruun dubbatame kun handhuura jireenya ilma namaa taatee argamti. Ummanni gurraafi onnee isaa banee yaadaafi barumsa ummata biroo bira jiru fudhatee kan isa bira jiru itti dabalee fayyadame, akkasuma hanqina barumsaa, aadaafi amantii isaa keessa jiru beekee sammuu isaa banee of sirreesse guddachuufi dagaaguun isaa shakkii homaa hin qabu. Garuu namni didee cufamee taa’e maal keessattuu hin milkaa’u. Islaama biratti duuchaadhaan aadaa abbaa kiyyaati jedhanii osoo dhugaafi dogoggora qoratanii adda hin baasin hordofuun jallina guddaadha. Inumaa kun aadaa warra jallatee karaa lakkisee ta’uu nutti hime. Rabbiin ni jedhe:
وَإِذَا قِيلَ لَهُمْ تَعَالَوْا إِلَىٰ مَا أَنزَلَ اللَّهُ وَإِلَى الرَّسُولِ قَالُوا حَسْبُنَا مَا وَجَدْنَا عَلَيْهِ آبَاءَنَا ۚ أَوَلَوْ كَانَ آبَاؤُهُمْ لَا يَعْلَمُونَ شَيْئًا وَلَا يَهْتَدُونَ
"Yeroo "gara waan Rabbiin buuseefi gara ergamichaa kottaa" isaaniin jedhame "wanti nuti abbootii keenya irratti argine nuuf ga’aadha" jedhu. Sila odoo abbootiin isaanii homaa kan hin beekneefi karaa hin qajeelle ta’aniis (isaanuma hordofuu)?" [Al-Maa’idaa: 104]
Ummanni sammuu isaa banee waan bu’a qabeessaafi dhugaa nama biroo bira jiru hin fudhanne ummata duraanii birattillee jibbamaa akka ta’e Qur'aanni seenaa Muusaafi Banii Israa’ii keessatti nutti hime. Ni jedhe:
قَالَ مُوسَىٰ أَتَقُولُونَ لِلْحَقِّ لَمَّا جَاءَكُمْ ۖ أَسِحْرٌ هَٰذَا وَلَا يُفْلِحُ السَّاحِرُونَ ٧٧ قَالُوا أَجِئْتَنَا لِتَلْفِتَنَا عَمَّا وَجَدْنَا عَلَيْهِ آبَاءَنَا وَتَكُونَ لَكُمَا الْكِبْرِيَاءُ فِي الْأَرْضِ وَمَا نَحْنُ لَكُمَا بِمُؤْمِنِينَ
"Yeroo dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu “dhugumatti, kun falfala ifa ba’aadha” jedhan. Muusaan ni jedhe “sila dhugaan isinitti dhufnaan (kana) jettuu? Sila inni kun falfalaa? Falfaltoonni hin milkaa’an.” Isaan ni jedhan: “Sila ati waan abbootii keenya irratti argine irraa nu garagalchitee ol aantummaan dachii keessatti isin lamaaniif haa taatuuf nutti dhuftee? Nuti isin lamaaniif hin amannu.” (Yuunus: 76-78)
Walumaa galatti wanti nurraa eegamu sabaafi sablammii biroo irraa yaada isaanii dhaggeeffannee hubannee isa irra gaarii ta’e fudhachuutu nurraa eegama. Kanaafuu Rabbiin warra “haasawa dhaggeeffatee isa gaarii filatee hordofe” baay’inaan faarse. Isa bu’a qabeessa filatanii fudhachuudhaan waan bu’aa hin qabne dhiisuutu nurraa eegama.
3.5.3 Amala Nuti Qabaachuu Qabnu
Amalli nurraa eegamu hunda keessattuu saba kamiifuu Rabbiin sodaachuu akka ta’e Rabbiin nutti himee “Rabbiin biratti irra kabajamaan keessan, irra Rabbiin sodaataa keessani” jedhe. Kana jechuun ummata sabaafi sablammii adda addaa kana keessaa “kamtu irra caala? Isa kamtu filatamuu qaba? Isa kamtu durfamuu qaba?” kan jedhuuf deebiin sirriin “isa waan hunda keessatti Rabbii isaa sodaatu, kan gaarii hojjatu, obsu, haqa eegu, miidhaa hin hojjanne, hin gowwoomsine, dhugaaf dhaabatu, qabeenya namaa haqaan malee hin nyaanneefi walumaa galatti amanamaa dhugaaf deemu” ta’uu qaba kan jedhuudha. Sabni tokko yoo amala amma dubbannee dabarsineen ta’e malee saba biraa gonkumaa hin caalu. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “sodaa Rabbii isaatiin yoo ta’e malee Arabni ummata biraa homaa hin caalu” jedhan. Hadiisichis akka namni filatamaan kan Rabbii isaatiin bulu, isaaf ajajamuufi waan inni dhorge dhiisu ta’e ibsa.
Caalmaan kun kan addunyaas ni dabalata. Addunyaattis kan ummata dursuufi hogganuu qabu nama ga’umsa qabu ta’uun beekamaadha. Ga’umsa keessaa inni jalqabaa nama amanamaa dhugaaf dhaabbatu ta’uu qaba. Namni siyaasaaf jecha kijibu, ummata gowwoomsu, qabeenya isaanii saamuufi ummata isaa ija walqixaan hin ilaalle gonkumaa hogganuu hin qabu. Biyya keenya keessatti rakkoon hanga ammatti uumamee biyyattii jeeqaa ture kana ta’uun iccitii ummanni hundi beekuudha. Mootoleen dhuftee tarte hunduu Dimokraasiifi wal qixxummaa labsiti; waan seera jettee tumattu irrattis ni barreessiti. Garuu wanti qabatamaan biyya keenya keessatti hojjatamaa ture faallaa kanaati; qabeenya saba biraa saamtee ittiin of guddisaa turte. Akka adda dureetti ummanni qabeenyi isaa saamamaafi hacuucamaa ture immoo ummata Oromoo saba bal’aa biyyattiiti.