Ethiopia
Operating Hours
Monday to Friday: 9 AM - 6 PM
1.2 Dhiibbaa Eenyummaa Irratti Hundaa’e

Biyya keenya keessatti yeroo baay’ee eenyummaa dubbannee dabarsine keessaa waa lama irratti hundaa’ee dhiibbaafi hacuuccaan guddaan raawwatamaa ture. Isaanis eenyummaa sabaafi kan amantiiti. Akka sabaatti harka caalu kan miidhame ummata Oromooti. Akka amantiitti immoo hundarra kan miidhame ummata Muslimaati. Oromoon Muslima ta’e kallattii saba isaatiifi amantii isaatiin miidhaan dachaan irra ga’aa ture. Oromoon Muslima hin taane immoo sababa sabboonummaa isaa qofa miidhaan guddaan irra gahaa ture.

Akkasuma Muslima saba Amaaraa ta’e irra miidhaa amantii qofatu ga’aa ture. Inni akka sabaatti roorroon homaatu isarra hin geenye. Ummanni Oromoo harki caalu Muslima ta’uun beekamaadha. Kanaafuu miidhaan kallattii gurguddaa lamaan Oromoota baay’ee irra ga’aa ture jechuudha. Warri miidhaa suukanneessaa akka kanaa baay’inaan keessummeessan Arsii, Baalee, Harargee, Walloo, Raayyaa, Oromoo Gibee Shananiifi garii Booranaa fa’i. Warra kana hacuuccaan kallattii amantiifi sabaatiin isaan mudate ibsuuf afaan namaatti ulfaata. Harmaafi harka muraan Aanolee, harka muraan Wolloo, namoota baay’ee ajjeesuufi gabroomfachuun naannoo Guumaa, Wolloofi godinaalee biraa keessa ture keessa seenanii dubbachuun namatti ulfaata. 

Namoonni gariin hacuuccaan ture saba qofarratti hundaa’eeti kan jedhan ni jiru; yaanni kun sirrii miti. Hayyoota Wolloo meeqatu harka mirgaatiin amantii Islaamaa barreessite jechuudhaan harki irraa murame. Meeqatu osoo itti hin amanin dirqiin Kiristaana godhamee yeroo gaafatamu lubbuu isaa hambifachuuf “Wollaahii ani Kiristaana” jedhe. Osoo keessa isaatiin itti hin amanin of dhoksuuf yaalee kallattii hin yaadneen Muslima ta’uu isaa deebisee mullise. Sochiin dirqamaan Ahbaasha gochuu yeroo dhiheenyaa naannoo keenyaafi guutuu biyyattii jeeqee urgufe eessa nurraa dhokate! 

Faallaa kanaa immoo warri miidhaan ture sababa amantiiti malee saba hin ilaallatu jedhanis ni jiru. Warri kunis seenaa tureefi qabatama yeroo ammaa jiru wallaaluu isaanii irraa ka’e. Oromoo meeqatu dirqamaan Kiristaana godhamee osoma Kiristaanummaa isaa labsuu mormi isaa murame. Qabatama siyaasaafi dinagdee Oromiyaan keessa turte sammuu keenyarraa maaltu haguuge? Warri miidhaan sabboonummaa qofti yeroo baay’ee isaan mudate naannoo Shawaafi Wollaggaa fa’i.

Akka miidhaan eenyummaa kana lamaan irratti hundaa’ee geggeeffamaa ture Labsii Minilik baay’ee isaa yoo ilaalte siif ifa. Qaamni taayitaa fudhatuufi poolisiillee ta’u akka nama Amaaraa amantii Ortodoksii qabu qofa ta’e deddeebisee labsaa ture. Ni jedhe: “lammii Amaaraa, Kiristaanaa, afaan Amaaraa dubbisuufi barreessuu danda’u ta’uu qaba.”1 Kan biraa immoo: Qaamonni mootummaa hojii geggeessummaa irra jirtanis gama keessaniin sabni amantii Islaamaa hordofuufi sabni aramaneen gara amantii Ortodoksiitti akka harkifamaniif nuffii malee tooftaawwan adda addaa uumtanii akka irratti hojjattan isin yaadachiifna. Sabni aramaneen kun ilaalcha gaarii akka qabaataniif lallaba lallabamus akka dhaggeeffataniif gara jireenya Kiristaanummaatti isaan harkisuun barbaachisaadha.2

1 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 46
2 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 47

Namoonni gita bittootaa Oromoota amantii isaaniitti makaman qofa Itoophiyaa jechuun Oromoota amantii Islaamaa hordofaniifi waaqeffataatiin bulan akka lammii biyya kanaa hin taanetti barreessaa turan.3Weerartoonni Minilikiin dura turanis yeroo meeshaa lolaa warra dhihaa kan akka Faransaayiifi Ingilizii gaafatan “yoo qawwee naaf ergitan biyya Gaallaattan amantii Kiristaanaa baballisa” jedhanii waadaa seenuudhaan meeshicha argataa turan.4 Warri haala kanaan naannoo Oromoo dirqiin Kiristaana gochuuf meeshaan deeggaramaa turan baay’eedha. Saahile Sillaaseen kan seenaan isaa baay’ee hin beekamnellee Oromoota dirqiin Kiristaana gochuuf deeggarsa meeshaa lolaa argataa ture. Dajjaaz Wubee bulchaa Tigiree kan ture Raas Alii Oromoo Muslima dirqiin Kiristaana godhuuf meeshaa Faransaayii irraa fudhatee ittiin lolaa ture. Kan fuuldura bu’ee ittiin lolaa tures phaaphaasii biyyichaa Abuune Salamaa ture.

3 Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa/Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, 1998
4 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 94

Sirni gabroomfattoota Amaaraa saba Oromootiin ‘gaallaa, gara jabeessa, yeeyyii, aramanee, bishaan keessaa kan ba’e …’ jechuudhaan maqaa balleessaa turan. Waa’ee saba Amaaraa immoo akkas jedhu turan:

"Maqaan Amaaraa jedhu jecha Amhaaraa kan jedhu irraa dhufe. Hiikti isaas filatamaa, saba bilisummaa qabu jechuudha. Am jechuun saba jechuudha. Haaraam jechuun immoo kan hurriidhaa bu’e, amala qabeessa, injifataa, hogganaa olaanaa jechuudha."5 Ummanni kun nama amantii Ortodoksii hin hordofne hundumaa aramanee jedhanii waamu. Jechi aramanee jedhu hiikti isaa gara jabummaa, laafina kan hin qabne, ajjeesaa, bineensa jedhuudha. Kun dhugaatti eenyuun ibsa kan jedhu akkuma jirutti haa taa’u. Gocha kana hunda keessawuu miidhaa eenyummaa lamaan irratti hundaa’etu jiraa akeeka. Namootaaf ibsuudhumaaf malee kun waan beekamaa ta’eef bal’isuu hin barbaachisu.

5 Seenicha Suukanneessaa Barri Dhokse, Woldeyohaannis Warqinaafi Gammachuu Malkaa, 32 - 33

Ummanni biyya keenya saamaa turan hanga ammaatti harqoota gabrummaa kallattii hundaa nutti fe’ataa turan. Rakkoo ummanni Kolonii biyya alaa kan akka Xaaliyaanii ummata keenya irraan hin ga’in nurraan ga’aniiru. Sabni keenya osoo dachii bal’aa qabuu “rakkatee bakka itti rakkatullee dhabaa” ture. Madaa’ee bakka itti wallaanamu dhabuun nu mudateera. Kan du’ee lafa itti awwaalamu dhabes ni jira; ummanni keenya bara dheeraaf Finfinnee keessatti lafa awwaalaa gaafataa ture. Warra amantii Ortodoksiitiif malee hin eeyyamamu jechuudhaan lafa awwaalaas dhabaa ture.

Dr. Abdallaa Kadir ni jedhe: “manni bataskaanaa taayitaa keessatti abbaa mirga guutuu turte; mijaa'ina meeshaa irraa ka’ee biyya guutuu keessatti dhaabbata ittiin ummata kiristaanessaniifi barsiisan ijaaruu danda'an. Meeshaalee fooyya'aadhaanis of gargaarsifatan. Muslimoonni immoo magaalaa guddaa keessattuu masjida ijaaruu irraa dhorgaman. Bara Minilik (1889 – 1913) bakka itti awwaalaman hin qaban ture.”6 Ergamaan Sulxaan Abdul Hamiid gara Minilik yeroo dhufu Muslimootaaf bakka awwaalaafi masjidaa akka eeyyamuuf itti jabeessee gaafannaan Minilik qeebaluu isaa mullisee ture. Muslimoonni sanaan ni gammadan. Masjidicha hixaa gaarii maqaa mootichaatiin ilaallachuuf jecha Humeydiyyaa jedhanii moggaasuu yaada isaanitti dhiheesse. Yeroma ergamaan Turkii sun achii deemu waadaa isaa diigee Finfinneen masjida malee hafte. Hayle Sillaaseetu booda waggaa soddomaatii eeyyame.7

6 Qaroomina Islaamaa Habashaa Keessatti, Dr. Abdallaa Kadir, 19
7
 Islaamaa Habashaa Keessaa, Yuusuf Ahmad fuula 77

Qabxiin ummanni keenya hunduu asirratti itti dammaquu qabu akka sabni waliif yaaduu dhiisee diina walitti ta’u diinota keenyaan yeroo dheeraaf nurratti hojjatamaa ture. Biyya keenya keessatti akka ummanni hariiroo qabutti hin fayyadamne diinni shira adda addaa baasee ummata wal jibbisiisaa ture. Fkn yoo Oromoon tokko mirga isaa falmate maqaa ABO jedhuufi kan biraa itti moggaasuudhaan nama kana diina biyyattiifi lammii isii godhanii dhiheessu. Akka sabni biraa hunduu ija diimatee isa ilaalu godhu. Shira kanaan saboonni biyya kana keessa jiran hunduu yeroo dheeraadhaaf osoma dachii Oromoo irra jiraatanii Oromoo akka diinaatti akka ilaalan gochuu danda’aniiru. Yoo Muslimni mirga isaa falmate immoo maqaa shororkeessa, alqaa’idaa, mankaraarsaa, dhaadessaafi kkf itti uumanii ummata sodaachisu.

Namoonni shira kanaan jeeqaman yeroma Muslima kuufiyyaa kaa’ate ykn marata qabu argan sodaachuu eegalu. Yoo ummanni shira kanaan wal loluu dide immoo taayitaa isaanii tursiisuuf jecha gara jabeenyaan akka ummanni wal loluufi wal ajjeesu godhu. Diraamaan akka kanaa seenaa fagoo osoo hin taane umurii keenya keessatti baay’ee nu mudateera. Fkn Oromoonni akka amantiin wal qoodanii wal lolan yeroo barbaadan naannoo mana amantii Kiristaanaatti nama isaanii erganii akka Qur'aana cicciru ykn mana fincaaniitiin fayyadamu godhu. Muslimoonni yeroo Qur'aanni xiqqeeffamuu argan obsa dhabanii warra mana amantii kanaatu Qur'aana cicciree mana fincaaniitti fayyadame jechuun aarii qabaniin ummata Oromoo amantii Kiristaanaa qaban sanaan wal lolu. Aariidhaan namoonni du’uufi manneen gubachuunis nu mudateera. Yeroo kana diinni shira kana qindeesse hanga sabni kun wal lolee dhiiga walii buusee diina wal godhatutti ilaala.

Sana booda akka qaama seera kabachiisuu fakkaatee garee lamaan irraawuu nama mana hidhaatti guura. Wanti nama ajaa’ibu kan ajjeeses kan ajjeefames saba keenya. Warri lubbuun hafe immoo shira kanaan mana hidhaa gala. Maatiifi ilmaan warra ajjeefameefi hidhamee bakkeerratti hafti. Namni tokkollee isaan bira hin dhaabbatu. Inumaa nama ilmaan qehee duwwaatti hafte gargaarellee qabanii hidhaa turan. Hammeenya akka kanaa ilaali! Ilmi namaa akkana garaa walitti jabaate! Ummanni shira kanaaf yeroo baay’ee saaxilame godina Jimmaa naannoo Bashaashaa, Sandaaboofi kkf.

Wanti nama gaddisiisu immoo ummanni keenya gocha kana shira diinaa ta’uu wallaalee hanga ammaatti wal jibbee hafuu isaati. Yeroon kitaaba kana barreessullee shira kanaan sabni Amaaraa tokko magaalaa Mattuutti Qur'aana ciree meeshaa suuqiitiin maree akka gurguru godhan. Ummanni baay’ee jeeqamuu bira gahee ka’ee shira diinaa ta’uu dammaquudhaan kallattii seera qabeessaan itti deemuu filate. Amma kan nurraa eegamu Muslimas ta’ee kiristaanni gochi Qur'aana mana fincaanii geessuufi bataskaana gubuu shira diinaatiin kan qindeeffame ta’uu barree saba keenya kallattii hundaan miidhamaaru kana miidhaafi roorroo keessaa baasuuf haaloo sana dagachuudha. Dhuguma dogoggorri kallattii lamaaniinuu uumamuu danda’a. Garuu dogoggorri kun akka uumamu qaamni qindeessee fide diina hundaa ta’uu barree kaayyoon isaa akka galma hin geenye gochuun dirqama saba keenyaati.

Egaa Oromoonni Muslimaa kan sababa amantiifi sabboonummaa si’a lama miidhaman Oromoota Kiristaanaafi waaqeffataa ta’anii sababa sabboonummaa isaaniitiin miidhamanii wajjin akkamitti wal hubatee bu’aa walii galaatiif qabsaa’ee saba isaatiif mirga guutuu argamsiisuu danda’a yaada jedhu ibsuun kaayyoo kitaaba kanaa isa guddaadha. Ummanni Oromoo hunduu mirga isaa kabachiisuuf, dachiifi qabeenya isaa saamame Finfinneen osoo hin hafin deebifachuuf, ummata isaa qaroomsuuf, dingdeefi aadaan guddisuuf, Afaan Oromoo baballisuuf qabsaa’uun dirqama isaati. Qabsoon inni kun dirqama nu hunda irra jiruudha. Namni tokko gabrummaa keessatti dhalachuun badii isaatii miti; garuu gabrummaa fudhatee keessatti du’uun badii isaati.

Ummanni keenya yeroo dheeraaf gabrummaa dubbannee dabarsine kana didee qabsaa’aa ture. Guyyuma tokkollee itti gammadee fudhatee hin teenye. Kana hundaaf ragaan guddaan sochii jaarraa kudha shanaffaafi kudha jahaffaa kallattii lamaaniinuu tureedha. Kanaafuu bilisummaa ofiitiif qabsaa’uun hunda keenya irraa eegama. Yeroo bilisummaaf qabsoofnu kana immoo daangaa seera qabeessa keessa deemuu qabna. Yoo daangaa dabrine sochiin keenya bu’aa buusuurra taree faallaa ta’ee miidhaa guddaa fiduutu mala. Wareegamni kaffalame hunduu miidhaa qofa ta’ee hafuutu mala.

Fakkeenya kanaa yoo ilaalle, akkuma fuulduratti bal’inaan dhufuuf adeemu, biyyootiin Awrooppaa yeroo jalqaba warraaqsa bilisummaatiif ka’an roorroo mootummaan abbaa irreefi bataskaanni Kaatolikii isaan irraan gahaa turte mormuuf ture. Sababa kanaa sochiin bilisummaa jalqaba Faransaayii keessatti eegalame ni milkaa’e. Biyyiifi ummanni isii bilisummaa argachuu danda’an. Isii hordofanii biyyoonni Awrooppaa hunduu qabsaa’anii bilisummaa biyyaafi saba isaanii labsatan. Garuu yeroo booda dhiphinni sabaa kan ummanni Yahuudaa ittiin socho’u Awrooppaa seene. Keessumaa biyya Jarmanii keessatti bakka guddaa argate. Ummanni Jarmanii nuti saba Rabbiin filate waan taaneef addunyaa bulchuu qabna yaada jedhu fudhatanii ka’an. Sochiin mootummaa Jarmanii kan Hitlariin hogganamu hunduu bu’uura kana irratti hundaa’ee itti fufe. Mosolooniinis of dhaaduu sabaa kanarratti akka Hitlarii wajjin dhaabbatu labse. Jaappaaniinis bu’uura isaanii irratti hundooftee sochoote.

Biyyoonni kunniin sadan lola Faransaayii irratti labsan. Ingiliziin Faransaayii deeggartee isaaniin lolte. Sababa kanaa waraanni addunyaa lammaffaa kan namoota miliyoona 54 ol fixe jidduu ummata Awrooppaatti geggeeffame. Bu’urri lola kanaa sabboonummaa kaayyoo isaa lakkisee of tuuluutti jijjiirameedha. Sanarrattis osoo hin dhaabbatin bilisummaaf qabsaa’uu isaanii dagatanii garba qaxxaamuranii biyyootii Afrikaafi Eeshiyaa gabroomsuuf dhufan. Fageenya deemuu dhiifnee yoo sochii bilisa baastota ummata Tigiree biyya keenyaa ilaalle jalqabni isaa ummata isaanii hacuucame bilisa baasuu ture. Booda garuu kaayyoo isaa lakkisee saboota Itoophiyaa kan biroo keessumaa Oromoota irraan hacuuccaa guddaa ga’uufi qabeenya isaa saamuu eegalan. Qabeenya sadarkaa biyyoolessaatti gurguddaa ta’ellee ni hatan. Hanni isaanii seera qabeessa godhuuf namoota baay’ee miidhan. Ogga kana ummanni keenya sila Dimokraasii arganne jedhee taa’aa ture guutuu biyyattii keessatti isaanitti qabsaa’uu eegale. Dhumti isaanii waan inni irra ga’e kunooti argine.

Kanaafuu sochiin keenya seeraafi kaayyoo ifaa qabaatee lammii keenya kan yaadaafi amantii fedhe qabuufuu wal qixxummaa kennee socho’amuu qaba; muudamni taayitaa qabsoo kanaan dhufellee walqixxummaa kallattii hundaa qabaachuu qaba. Amantiifi ilaalcha siyaasaatiin kan namoota keenya adda qoodu yoo ta’e innis booda deebi’ee rakkoo uumuun shakkii homaa hin qabu. Kana kan sirreessuu danda’u immoo, erga Rabbiitii, qabsoo ummataati malee warra taayitaa fudhate qofaa miti. Kanaafuu ummanni keenya keessumaa Muslimoonni ilaalcha Islaamni qabsoo akka kanaa irratti qabu baruun osoo dhiphina sabummaa isa Islaamni seerate keessa hin seenin kaayyoo qabsochaa sirriitti hubachuun, kaayyocha sana galmaan ga’uuf socho’uu nu barbaachisa. 

Silaa waan akka kanaa qindeessee kan ummata Muslimaa hubachiisuu qabu Gumii Dhimma Islaamaa ture. Garuu namoonni yeroo ammaa diinaan muudamanii jiran kaayyoon isaanii ummataaf dhaabachuu osoo hin taane diinaa wajjin haala ittiin ummata saamaniifi gabroomsan karoorsuu waan ta’eef durumaanuu sochiin bilisummaa ummataa diina isaaniiti. Akka itti sochicha dhaamsan karoorsuu malee kallattii agarsiisuun ga’ee isaaniitii miti.

Kana booda ummanni mirga amantii isaa kanaafis akka sirriitti socho’u abdii guddaan qaba. Gaaffiin ummata Muslimaa kan hanga ammaatti hin deebi’inis qabsoo kana keessa deebii argata jedheen yaada. Erga hojiin guddaan kun abbaa dhabee ani hanga dandeettii kiyyaatiin yaada kana ummata hubachiisuun qaba jedheen kitaaba kana qopheessuutti ka’e. Bu’urri yaada kanaa marii Ustaaz Ahmaddiin Jabalii waliin goone ture. Marii sana irraa ka’uudhaan hojjatamuu akka qabus walii galle. Sana booda odeeffannoo waan kana ilaallatu walitti funaanuu eegalle. Amma Al-hamdu Lillaah kitaaba ta’ee harka nama dubbisuu ga’eera. Erga barreeffamee xumuramees namoonni baay’een yaada itti kennaniiru. Hunduu gammachuu guddaa irraa qabu turan. Hunda isaaniituu Rabbiin mindaa gaarii haa mindeessu. Akka kitaabichi ummata keenya kallattii agarsiisus abdii guddaan qaba.

Garuu yaada kitaabni kun qofti ummata jijjiira jedhu gonkumaa hin qabu. Haa ta’u malee kallattii ni agarsiisa; hojiiwwan fafakkaatoof bu’uura ni ta’a ykn mariif hulaa ni bana jedheen abdadha. Mata duree akka kanaa irratti kitaaba qopheessuunuu nuuf milkii guddaadha. 



Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *