2. Seenaa Oromoo Gabaabaa
Yaadni beektoleen seenaa hunduu itti walii galan tokko jiraattonni kaaba baha Afrikaa hortee gurguddaa lamatti qoodamu kan jedhuudha. Inni jalqabaa hortee Kuush yoo ta’u isaan jiraattota biyyattii kan bu’uuraati. Horteen lammataa immoo hortee Seem warra kibba adoola Arabaa irraa as godaananiidha. Hortee kana lamaan jalayyuu saboonni, sablammoonniifi gosoonni adda addaa ni jiru. Isaan lamaan irraawuu dameelee baay’eetu madde. Akkasumas makaa hortee lamaanii irraa gosa namoota adda ta’aniifi qarooma wal makaa godhatanii amala dhuunfaa qabantu jiru. Maqaan Habashaa jedhu yeroo baay’ee ummata wal makatiinsa maatii Kuushiifi Seem kana irraa uumamaniin jedhama. Waa’ee Oromoo dubbachuun dura hortee Kuush kan Oromoon irraa madde kana hanga ta’e haa ilaallu. itti fufa.....
2.1 Hortee Kuush
Akka ilaalcha amantii Islaamaa, Kiristaanaafi kanneen biroo baay’eetti abbaan namaa kan jalqabaa Aadam ture. Ilmaan isaa erga naannoo jaarraa kudhanii jiraatanii wal horanii booda yakka gurguddaa lafarratti baay’ifnaan Rabbiin ergamaa Nuuh (A.S) jedhamu isaaniif erge. Gorsa isaa dhaga’uu didanii cubbuufi yakka isaanii itti fufan. Booda Rabbiin isaanitti dallanee Nuuhiifi warra amane qofa hambisee warra jajallaa dhabamsiise. Ummanni sana booda dachii kana irra jiraatan ilmaan nabi Nuuh (A.S) kana qofa ture. Ilmaan Nuuh argate keessaas kan dachii kanarratti wal horan sadii turan. Isaanis Seem, Haamiifi Yaafis jedhamu. Abbaan seenaa beekamaan Ibn Jariir Axxabariin kitaaba isaa kan seenaa keessatti Hadiisa armaan gadii gabaase. Nabiyyichi [saw] ni jedhan: “Seem abbaa Arabootaati; Haam abbaa Habashaa (Itoophiyaati). Yaafis immoo abbaa Roomaa (Awrooppaati).1 Kuush kan jedhamu maqaa ilma Haam ta’uu warri seenaa bara dheeraa dura barreessan baay’een dubbataniiru. Yeroo dheeraa booda saboonni ilmaan Kuush ilma Haam ilma Nuuh ta’an kan naannoo kaaba baha Afrikaa jiraatan hunduu maqaa Kuush jedhu kanaan waamaman. Ummanni Misraa duriis daangaa kibba Misraa kan Nuubaa jedhamtu maqaa Kuush jedhuun waamaniiru. Warri Hibroos akka Tawraat (Kakuu Moofaa: Seera Uumamaa 10: 6-7) keessa jirutti Kuush jedhanii waamaniiru. Akka ibsa Macaafa Qulqulluu kanaatti warri Misraa yeroo sanaas ilmaan Haam (Kaam)2 ta’uu hubanna. Akkasuma ilmaan Kuush booda dachii Afrikaa qaxxaamuranii hanga Baabiloon bulchuu isaanii akeekeera.
1 Tirmiziitu gabaasee Hasan godhe. Ahmadis gabaaseera. Suyuuxiin Jaami’i Assaghiir keessatti Hasan godhe.
2 Macaafa Qulqulluu yeroo ammaa warra Kiristaanaa bira jiru keessatti maqaa Haam jedhu Kaam jedhee waan kaa’eefin akkasitti barreesse. Kitaabolee seenaa duraanii baay’ee keessatti Haam jedhamee barreeffamee jira.
Dr. Laaphisoon ummanni Itoophiyaa ammaa waggaa 15,000 dura naannoo kana keessa loon horsiisuufi qonnaan jiraataa akka turan qorannoon ni ibsa jedhanii dubbatan. (Laaphisoo, “Zaaree Naw”, fuula 11)
Akka ibsa armaan olii irraa mullatutti ummanni Kuush dhalataa biyya Afrikaa keessaa tokko ta’uun sirriitti namatti mullata. Warri yaada kana morman yeroo baay’ee ilaalcha dhiphina sabaa kan qaban akka ta’an hayyuun seenaa ummata Kuush baay’een dubbataniiru. Kitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa” jedhu kan Amaariffaa fuula 19 irratti kan armaan gadii jedha: “ummata dhalattoota biyya kanaa kan kaaba baha Afrikaa keessa waggaa 8,000 ol jiraataa turan keessaa tokko ummata Kuush. Akka ragaan qorannoo afaanii agarsiisutti ummanni Kuush duriifi afaan isaanii bara 5000 Dh.K.D bakka afuritti qoodame.
Qoodamni afran kun kan armaan gadiiti:
- Kuush Kaabaa: Beejjaafi Kuunamaa,
- Kuush giddu galaa: Agawuu,
- Kuush Kibbaa: warra afaan Taanzaaniyaa dubbatan fi
- Kuush bahaa: inni kun baay’ee yoo ta’u Oromoon kana keessatti argama. [isa kana kitaaba “seenaa saba Oromoofi sirna gadaa” jedhamu irraan jijjiirama xiqqoo waliin dubbadhe].
Damee afran kana keessaa tokko damee Kuush bahaati. Warri Kuush bahaa kun immoo bara 3,500 Dh.K.D hanga bara 2000 Dh.K.D tti gara ummata afaan mataa isaanii qabaniitti akka qoqqoodame ragaan qorannoo afaanii ni mullisa. Ummanni Oromoos kan inni madde damee Kuush bahaa kana irraayi.”3 “Kanaafuu Oromoon akka Kuushummaa isaatti, Itoophiyaa dabalatee naannoo Kaaba baha Afrikaa kana waggaa 8,000 dura irraa kaasee jiraataa ture yoo ta’u Dh.K.D bara 3,500 hanga 2,000 tti damee Kuush bahaa kaan irraa adda ba’ee aadaafi afaaniin of danda’ee jiraachuu isaa dhugaa ragaan qorannoo afaanii mirkaneesseedha.”4
Ummanni Kuush durii yeroo ammaa bakka baay’eetti qoodamaniiru. Itoophiyaa keessa qofa afaan Kuush durii irraa kan maddan afaanota 23 tu jiru. Isaanis: Oromoo, Sidaamaa, Burjii, Affaar, Sumaalee, Kambaataa, Geedi’oo, Saahoo, Koonsoo, Qimaant, Himtaang, Awung, Hadiyyaa, Baaraareet, Buusee, Eerbooree, Daasanech, Gawaadii, Garoobaz, Tsamaay, Waaraz, Baaysoofi Gidooloodha. Kun afaan Kuush kan Itoophiyaa keessatti dubbatamaniidha. Kan biyyootii ollaatti dubbatamanis ni jiru.5 Afaan kunniin maddi isaanii tokko ta’uun kan irraa barame hariiroo isaan waliif qaban irraa ka’uudhaani. Fkn jechoonni afaan Sumaaleefi Oromoo 35-40% wal fakkaatu. Kan Koonsoos Oromiffaan hanga 50% walitti siqa jedhama.6
3 (Birhaanuu Lammeessoofi Taaboor Saamii, seenaa ummata Oromoo, fuula 16-19.)
4 (Ehret, Christofer, Cushitic Prehistory, PP. 86-89)
5 (Yaadicha Kitaaba “Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa” kan Amaariffaa irraan fuudhe)
6 (Madduma tare)
Walumaa galatti ibsa seenaafi qorannoo afaanii armaan olii irraa sabni Oromoo ummata Kuush kan biroo waliin yoo xiqqaate waggaa kuma saddeetiin dura naannoo kaaba baha Afrikaa kan yeroo ammaa Suudaanii jedhamu turuu isaanii sirriitti hubanna. Akkasuma ummanni kun naannoo kaabaa irraa gara kibbaafi kibba bahaatti bara dheeraa dura tamsa’uu barreerra. Barri inni kaabarraa gara kibbaafi kibba bahaatti sochoonaan afaan isaa bakka afuritti qoodamuu eegales Dh.K.D bara 5,000 dura akka ta’e ibsameera. Kana jechuun waggaa 7,000 dura socho’uu eegalaniidha. Kanarraa ka’uudhaan Kiristoofar Ehereet akka ummanni Afaan Kuush dubbatan Dh.K.D bara 4,000 jalqaba keessa naannoo qarqara galaana Diimaa gara kaabaatii jalqabanii hanga kibbaatti tamsa’anii turan ibseera. Akkasuma ummanni afaan Kuush dubbatan bara 1500 ykn 2,000 dura ummata Seem Amaariffa, Argobbaafi Gaafaat dubbataniin duratti jiddu gala Itoophiyaa ammaa naannoo Shawaa ballatanii turuu ibseera. Booda garuu ummata kanaan achii buqqifaman.7 Haa ta’uu sochii bal’ifannaa Oromoo jaarraa 16ffaatiin deebisanii bakka isaanii qabachuu danda’aniiru.
7 Eheret, Christofer. Cushitic Prehistory, P.86-89. 96
Egaa ummanni Kuush naannoo Itoophiyaa jedhamtu ammaatti naannoo waggaa 7,000tii eegalee irra qubatee jira ogga ta’u “maqaan Itoophiyaa jedhu kun eessaa dhufe?” gaaffiin jedhu ka’uutu mala. Dr. Abdullaah Kadir kitaaba isaanii keessatti yaada armaan gadii dubbatan: “namni jalqaba biyya Habashaa8 kana Itoophiyaa jedhee waame Giriikota warra Macaafa Qulqulluu gara Afaan Habashaa 'Gi'iiziitti' hiikaniidha. Jecha 'Kuush' jedhu Kakuu Moofaa keessa jiru Itoophiyaa jedhanii hiikan. Achumaan ummanni Itoophiyaa biyya isaanii Habashaa jedhamtu yeroma sana 'Itoophiyaa' jedhanii moggaafatan. Achumaan kitaaba kana fayyadamuun mootummaa Aksum biratti baay'ate. Kunis yeroo amantiin Kiristaanaa jaarraa afraffaa irratti Habashaa seene keessa ta'uutu mala. Maqaan inni kutaa mootii Aksum akka masaraa mootiitti of keessatti dabalatu ittiin beekamu Habashaa ture. Warri Awrooppaa immoo gara 'Abiisiiniyaa'tti jijjiiran.”9
8 Akka yaada barreessaa kanaatti biyyootiin gaanfa Afrikaa hundi kanneen baha Afrikaas dabalatee Habashaa jedhamu. Akka yaada isaatti Habashaan biyya akka Suudaanii, Keeniyaafi biyyootii baha Afrikaa kanneen biroos ni dabalata ture. Gara boodaa keessa garuu maqaan Habashaa jedhu gaanfa Afrikaatti gabaabbate.
9 (Insaayikilooppidiyaa Islaamiyyaa kan Ahmad Ashantanaawiifi Ibraahiim Zakii Khoorshiid fuula 282.)
Akkuma dubbannee dabarsine maqaan ummata kaaba Afrikaa Kakuu Moofaa (Seera Uumamaa 10: 6-7) keessa jiru Kuush kan jedhuudha. Booda warri Giriikii yeroo Tawraatiin (Kakuu Moofaa) gara Afaan Gi’iiziitti hiikan jecha Kuush jedhu Itoophiyaa jedhanii hiikan. Akka hiika Macaafa Qulqulluu warra Giriikiitti jechi Itoophiyaa jedhu ummata Kuush saboota Itoophiyaa keessa jiran 23fi kanneen ollaa isii jiraatan dubbannee dabarsine dachii isiitiin walitti hammata. Warra Seem kan akka Amaaraa, Tigireefi kkf hin hammatu ture. Garuu mootiin Habashaa Izaanaa jedhamu erga jaarraa afraffaa bara 333 Dh.K.B Kiristaanni Itoophiyaa seenee biyya Nuubaa kan Kibba Misraafi kaaba Suudaan jirtu lolee to’atee maqaa mootummaa isaa Itoophiyaa jedhee moggaafate. Akka moggaasa maqichaa kan jalqabaatti maqaan Itoophiyaa jedhu kan ummata Kuush malee ummata Gi’iz, Amaaraa, Tigireefi kkf warra kibba Arabaa irraa gara baha Afrikaatti godaanan gonkuma hin ilaallatu ture.
Ragaa isaa keessaa tokko kan Kakuun Moofaan maqaa kanaan waame ummata Kibba Misraa naannoo biyya Suudaanii yeroo sanatti laga Mormor ykn Abbaay qabanii jiraataa turaniidha. Maqaan kun Kakuu Moofaa keessa dhufuunuu Dh.K.D naannoo waggaa kuma lamaati. Akka kitaabni seenaa baay’een akeekanitti ummanni Seem gara Ityoophiyaa godaanuun immoo yoo baay’ee tureera jedhames waggaa kuma tokkoo ol dhaloota Kiristoos hin dursu.10 Dh.K.D Bara 1000 hanga 500 naannoo ummanni Seem booda irra qubatan kan to’atee ture ummata Daamaat warra hortee Kuush ta’uun warra seenaa biratti beekamaadha waan ta’eef. Kan ummanni Seem ga’ee argachuu eegalan waggaa 500 Dh.K.D irraa eegaleeti. Kan isaan ummata Kuushiin wal makatanii humna baasanii mootummaa ijaaran immoo 100 Dh.K.B ture. Sana booda Kuush dadhabaa deemee jaaraa afraffaa keessa ummatichiifi dachiin isaa mootummaa Izaanaatiin to’atame. Innis yeroo kanatti dachii bal’aa hanga kibba Misraa ga’uufi galaana ce’ee biyya Yaman to’atee maqaa mootii Itoophiyaa jedhu moggaafate. Biyya Yaman keessaa kan akka Himyar, Saba’iifi kkf to’achuu isaa ragaan barreeffamaa mullisu baay’eetu jira.
10 Barreessitoonni seenaa warri booda kanaa gariin kanneen akka Dr. Laaphisoo yaada ummanni Seem Itiyoophiyaa alaa dhufan jedhu akka mormu beekamaadha. Ragaan isaa baay’een arkiyooloojii irratti kan hundaa’eedha. Akka yaada isaatti ummanni Itiyoophiyaa keessa jiraatu hunduu bu’uura irraa kaasee biyyuma kana turan malee alaa hin dhufne. Inni kun ragaan isaa hangam akka deemsisu naaf hin galle.
Jechi Itoophiyaa jedhu ‘Ilyaazaa’ keessatti si’a lama, ‘Awdeessaa’11 keessatti si’a sadii dhufe. Insaayikilooppidiyaa Fu’aad Afraam Alpistaanii keessatti “jechi Itoophiyaa jedhu jecha Giriikii lama irraa kan dhufeedha: ‘Itoo’ hiikti isaa gubataadha; ‘Ops’ immoo fuula jechuudha. Kan itti fedhame fuula gubataa jechuudha. Isheen maqaa turaa biyya kibba Misraatti argamtuuti. Giriikonni biyya saba gurraacha Afrikaa keessatti argamu hundaa maqaa kanaan waamu.”12
11 Awdeessaa kan jedhamu walaloo Hoomer Giriikii jaarraa 8 Dh.D kaa’eedha.
12 Itiyoophiyaa, Arabaafi Islaama Seenaa Keessatti, Muhammad Xayyib 1/14, Insaayikilooppidiyaa Alpistaanii irraa fuudhe.
Maqaan ummata Seem inni irra beekamaan Habashaa kan jedhuudha. Garuu isaan maqaa Kuush kan Itoophiyaa jedhu nurraa fudhachuu yaaluun isaanii maaliif? Maqaan biyya kanaa seera qabeessi bara Minilik keessa Itoophiyaa jedhamuun maaliif laata? Ummata hortee Seem hundee isaanii biyya kana fakkeessuu yaadaniiti ta’aa? Moo hiika jecha Habashaa jedhu kan ummata sabaafi afaan isaa wal makate jedhu baqataniiti? Isaan yeroo hunda biyyattii kan saba tokkoofi amantii tokkichaa godhuuf yaalu waan ta’eef kana ta’uu danda’a. Yoo kana ta’eef immoo hiikti jecha Itoophiyaa jedhuu “nama fuula gubataa ykn gurraacha” jechuu akka ta’e dagataniiru. Kun akkuma jirutti haa taa’uu maalummaa ummata Oromoo gabaabinaan qabxii itti aanu keessatti haa ilaallu.