1. Eenyummaa Ilma Namaa
Faaruun hunduu kan Rabbii Gooftaa aalamaati. Rahmanniifi nageenyi nabiyyii keenya Muhammad, maatii isaaniifi sahaabota isaanii hunda irra haa jiraatu.
Akkuma beekamu ummanni kamuu namoottan eenyummaa (identity) baay’ee qaban irraa ijaarame. Eenyummaan kun saba, amantii, saala, miseensa garee wahii ta’uu ykn kan biroo ta’uu danda’a. Namni tokko yeroo baay’ee eenyummaa afuriifi sanaa ol qabaachuu danda’a. Fkn ani saba Oromoo, amantii Muslimaa, lammii Itoophiyaa, saala Dhiira, ogummaan Injinaraafi kkf jedhee of ibsuu nan danda’a. Namni kamuu eenyummaa kanaa oliitiin of ibsuu ni danda’a. Eenyummaan kun hunduu fedhii adda addaa nama keessatti uuma. Namoonni fedhiin isaanii walitti dhihaate eenyummaa isaanii irratti hundaa’anii garee wahii waliin ijaarratu.
Fkn; yeroo ammaa sabni Oromoo tokkoomee bakka jiru hundatti warraaqsa uumee bilisummaa isaatiif qabsaa’aa jira. Akkasuma Muslimoonni waggaa torban har’aa tokkummaadhaan gurmaa’anii mirga isaaniitiif qabsaa’aa turan. Yeroo garii hojjattoonni mootummaa wal ga’anii qabsaa’anii miindaa isaanii sirreeffachiifatu. Akkuma kana konkolaachistoonni yeroon isaan walii galanii lagannaa hojii geggeessuun hacuuccaa isaan irra ga’e kaasuuf qabsaa’an ni jira. Yeroo dhiheenyaa kana barattoonnis biyya keenya keessatti warraaqsa isaan qofa ilaallatu baay’ee geggeessaniiru. Warraaqsi kun hunduu garee namoottan hariiroo waliin qaban irratti hundaa’uun ijaarameen geggeeffame. Warri gurmaa’u kun hunduu eenyummaafi fedhii gareen waliin qabu irratti hundaa’a. (Yaada kana waraqaa “Identity Politics and Politicized Identities: Identity Processes and the Dynamics of Protest” jedhu irraan cuunfee fuudhe. Baay’een isaa waanuma yaada namaa keessa jiruudha.)
Yeroo baay’ee namoonni addunyaa kana irra jiraatan eenyummaa baay’ee armaan olii keessaa kallattii afuriin hariiroo guddaa uumu. Inni jalqabaa namooma yoo ta’u ilmi namaa hunduu sababa namoomaa hariiroo ni qaba. Kan biyyaan, sabaafi amantiidhaan addaa sababa namummaa qofa hariiroo uumee wal bira dhaabata; yoo rakkate wal gargaara. Ardii Awrooppaa irraa ka’ee kan inni karaa dheeraa qaxxaamuree namoottan baha fagoofi Afrikaa kan namooma malee hariiroo homaa hin qabne gargaaru argita. Gargaarsi akka kanaa baay’ee gaariidha; jaalatamaadhas. Islaama keessatti ilma namaa qofa osoo hin taane waan lubbuu qabu hundaa gargaaruun mindaa guddaa argamsiisa.
Dubartiin Banii Israa’iil sagaagaltuun tokko saree baay’ee dheebotee biyyee eelaa (biirii) nyaatu argitee kophee isii baaftee eela buutee bishaan waraabdee isa obaasuudhaan Rabbiin badii isiidhaaf araaramee jannata isii galche. (Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.) Hadiisicha keessatti waan tiruu jiidhaa qabu hundaa nyaachisuun mindaa akka qabu nuuf himameera. Kanaafuu nama amantiin, biyyaafi sabaanillee siin adda ta’e tokko namummaa qofaaf gargaaruun Islaama biratti jaalatamaadha. Aadaa Oromoo keessattis gochi kun beekamaadha. Nama eenyummaa baay’eedhaan Oromoon adda ta’e moggaasaan ofitti maxxanfatu. Gosa moggaasaa kana keessaa beekamaan guddifachaadha. Fkn Oromoon Maccaa saboota akka Innaariyaa, Konch, Shaat, Bizaamoo, Gumar, Bosaafi kkf moggaasaan Oromoo godhanii tokkummaa uumanii wal gargaaranii waliin jiraataa turan. Garuu yeroo ammaa Oromoo Maccaa warra bu’uuraafi saboota kana adda baasuun hin danda’amu. Qabatama addunyaas yoo ilaalle namummaa qofaan kan wal gargaaran baay’ee argina. Silaawuu hunduu ilmaan Aadam waan ta’aniif hariiroo uumuun barbaachisaadha.
Inni lammaffaa immoo biyyooma; lammiin biyya tokko keessa waliin jiraatan hariiroo biyyoomaa ni qabu. Hunduu biyya isaanii irraa waliin fayyadamu. Akkasumas waliin ta’anii biyya isaanii tiksuun dirqama isaan irra jiruudha. Jaalala biyyaatu (patriotism) walitti isaan hidha. Biyya ofii jaalachuufi ummata biyya sana keessa jiran waliin hariiroo uumuun nageenya uumanii waliin jiraachuun murteessaadha. Seera walii galaa malees jiraachuun hin danda’amu. Kanaafuu biyyi keenya seera ummata hunda wal qixxeessu baafattee qabdi. Hojiirra oolchuutu laafe malee seerichi gaarii ture. Nabiyyichis (saw) warra amantii addaa wajjin walii galanii biyya misoomsaa turan. Yahuudaa Madiinaan keessa turan kanneen amantiifi sabni isaanii adda tureen walii galtee uumanii biyyattii irraa diina waliin faccisuudhaaf waadaa uumanii turan. Kanaafuu akka Islaamaatti ummanni biyya tokko keessa waliin jiraatan osoma sabniifi amantiin isaanii adda ta’eeyyuu walii galtee uumanii wal gargaaranii jiraachuun barbaachisaa ta’uu hubanna.
Inni sadaffaa immoo walitti hidhamiinsa dhiigaati. Warri sabni isaanii tokko ta’e firooma waan qabaniif hariiroo guddaatu jidduu isaanii jira. Yeroo sabni isaa tokko rakkate isaa waliin dhaabachuun saba isaa hundarraa eegama. Akka Islaamaattis firooma fufuu waan ta’eef barbaachisaa ta’ee argama. Saba keessan waan ittiin firooma fuftan baradhaa jechuun Hadiisa keessatti gabaafameera. Akkasuma saba ofii jaalachuufi gargaaruun uumama waan ta’eef dhiphina ykn of tuuluutti hin lakkaa’amu. Inni kun fuulduratti bal’inaan irraa ni dubbatama.
Inni afraffaa immoo warra amantii tokko hordofaniidha. Ummanni amantii tokko hordofan tokkummaa amantichaa uummatu; yeroo dhiibbaan kallattii amantii isaaniitiin isaanitti dhufu waliin qindaa’anii tokkummaa uumanii rakkoo amantii isaaniitiifi ummaticha irra ga’e irraa deebisuuf socho’u. Akka seera Islaamaatti Muslimoonni hunduu obbolaadha. Sabaafi biyyaan adda ta’anillee osoo baraan hin daangeffamin obbolummaa isaanii Rabbiin nutti hime. Mu’uminoonni akka ijaarsa manaatti gariin garii jabeessu. Kanaafuu wal tuffachuun, wal miidhuun, diinaaf dabarsanii wal kennuufi kkf baay’ee jibbamaadha.
Yeroo garii, miseensi garee tokkoo kan eenyummaa wahii irratti hundaa’ee ijaarame eenyummaan isaanii inni hafe wal dhabuu danda’a. Fkn lammii biyya tokkoo ta’uudhaan gareen wahii ijaaramee achi keessatti sabaafi amantiidhaan wal dhabuudhaan fedhiin isaanii wal dhabuu danda’a. Biyya keenya keessatti saba Amaaraatiin lammummaa waliin qabna. Garuu sabboonummaa irratti bara dheeraa wal dhabaa turre. Isaan saba isaanii irratti hundaa’anii saba Oromoofi kan biroo hacuucaa turan. Faallaan kanaa immoo sabni bal’aan biyya baay’ee keessa jiraatu sabboonummaan garee ijaarratee biyya irratti wal dhabuu danda’a. Fkn Araboonni sabboonummaa irratti hundaa’anii yeroo dhaabbata tokkummaa Arabaa ijaaran jaalala biyyaarratti kan wal dhaban argina.