Qabatama biyya keenyaatti yeroo as deebinu, dhugaa jiru dubbatanii rakkoo jiruuf furmaata barbaaduun dirqama ta’a. Dhugaa jiru haguuganii bira darbuun gonkuma nu fayyaduu hin danda’u. Wanti ani warraaqsa biyya keenyaa irraa yeroo baay’ee hubadhe gareen tokko ogga eenyummaa wahii irratti hundaa’ee ijaarame eenyummaa hafe hunda mormuu fedha. Eenyummaan biyya keenya keessatti bakka guddaa qabu sadii ta’ee natti mullata. Isaanis lammummaa (biyyooma), sabboonummaa (saba dursuu) fi amantiidha.
Gareen maqaa biyyaatiin ijaaraman baay’een yeroon dubbii isaanii dhaggeeffadhu maqaa sabaafi amantii dhaga’uu hin fedhan. Namni isaan biratti eenyummaa isaa kan sabaafi amantii mullifate akka dhiphina qabutti ilaalama. Yeroo baay’ee ijaarsa haala kanaatiin kan socho’aa turan warra Amaaraati. Dhaabbanni siyaasaa isaanii kan yeroo ammaa jiranis yaaduma kana labsu. Warri sabboonummaan wal ijaaran immoo maqaa biyyaafi amantii dhaga’uu hin fedhan. Biyya isaanii himachuu kan hin feenellee ni jiru. Haalli kun bara dheeraadhaaf Oromoota keessa ture.
Warri amantiin wal ijaaranis akkasuma waa’ee biyyoomaafi sabboonummaa dhaga’uu hin fedhan. Dhugaan jiru garuu kanaa miti. Gareen sabboonummaa ogga ijaaramu garaa garummaa amantii jiru hubatee amantii walii waliif kabajee waliin deemuun dirqama ta’a. Warri amantiin wal ijaares garaa garummaa sabaa jiru hubatee osoo sabboonummaa hin mormin wal kabajanii waliin jiraachuun dirqama isaaniiti. Ani garee amantiitti seenuudhaan sabboonummaan narraa haqamuu hin danda’u; sabboonummaatti seenuudhaafis amantii kee dhiisi naan jedhamuu hin qabu. Mirgi kiyya hunda keessattuu ifaan ifatti mullatee naaf kabajamuu qaba. Biyyoomnis akkasuma ta’a.
Oromummaafi Islaamummaa yoo ilaalles kana irraa addaa miti. Amantiis ta’ee sabni eenyummaa namaati. Kanaafuu namni Oromoo tokko yoo amantii Islaamaa qabate Muslima; Oromoodhas. Oromoon akkuma beekamu amantii gurguddaa sadii hordofa. Isaanis Islaama, Kiristaanaafi waaqeffataadha. Oromoon Muslima ta’e saba isaatiin boonuu qaba; amantii isaatiinis boonuu qaba. Kiristaannis akkasuma saba isaatiin boonaa amantii isaatiinis boonuu qaba. Waaqeffataanis sabboonummaa isaa eeggatee amantii geggeeffachuu danda’a. Eenyummaa tokko mul’ifachuudhaaf eenyummaan kee inni kaan dhokachuun sirraa hin eegamu. Ani yeroon Oromummaa mullifadhu Muslimummaa kiyya dhoksuun ykn yeroon Muslima ta’uu kiyyaan boonu sabboonummaa dhiisuun gonkuma narraa hin eegamu. Saboonni biroofi warri amantii biroos akkasuma. Yaanni bilisummaafi wal qixxummaa lammiis kanuma deeggara.
Yeroo garii yaada kana hubachuu dhabuun ummata baay’ee keessatti ni mullata. Muslimoonni gariin sabboonummaa hundaawuu akka sabaan of tuuluutti fudhachuudhaan kanneen mormuuf yaalan ni jiru. Haalli kun hordoftoota amantii biraa keessattis ni argama. Sabboontota keessaahis warri amantii akka Islaamaa ykn Kiristaanaa fudhachuun sabboonummaadhaan wal faallessaatti yaadaniifi barreessanillee ni jiru. Dhuguma sabboonummaan yoo sadarkaa of tuuluufi saba biraa tuffachuutti jijjiirameef amantii kam keessattuu jibbamaadha. Sabboonummaan inni osoo saba biraa hin miidhiniifi hin tuffatin bilisummaa ofiitiif, dachii ofii misoomsuufi aadaa ofii guddisuuf qabsaa’amu garuu amantii kam keessattuu waan dhorgamu natti hin fakkaatu.
Akkasuma sabboonaan Oromoo tokko amantii dhugaa isatti fakkaate qabachuun mirga isaati. Yoo inni amantii dogoggoraa qabate kan isa gaafatu Rabbi malee namaa miti. Kun sabboonummaa isaa irratti dhiibbaa homaatuu hin uumu. Yaanni namoota garii kan kitaabolee garii keessattillee mullatan akka waan eenyummaan kun lamaan wal faallessuu sabboonaa Oromoo ta’uuf waaqeffataa ta’uun ykn amantii ofii dhokfatanii sabboonummaa qofa labsuu akka ulaagaa gochuuf kanneen yaalantu jiru. Yaanni kun gonkumaa sirrii miti; bilisummaa argachuuf qabsaa’aarruunis guutummaan guutuutti wal faallessa.
Sabni Oromoo bilisoomuu jechuun mirga amantii filate hordofuu dhabuu natti hin fakkaatu. Inni kun hacuuccaa mootii Salamoonawaa kan maqaas ta’ee amantii natu siif filata jedhaa tureen darbeera. Amma maqaa sabboonummaatiin gonkumaa deebi’uu hin danda’u. Ummanni Oromoo bilisummaa isaatiif yeroo qabsaa’u bilisummaa siyaasaa, dinagdee, aadaafi amantii isaa hundaa argachuuf socho’a malee garii argate kaan gadi lakkisuufii miti.
Anis yaada dogoggoraa uumame kana ibsuudhaafin kitaaba Oromummaafi Islaamummaa jedhu kana qopheessuutti ka’e.